DHALOOTA QUBEE

Dhaloonni qubeedhaa
Oromummaaf malee
Silaa warra halagaaf
Inni hin qabu fedha
Qubeetiin barata
Qubeetiin barreessa
Hunda ni qorata
Aadaa fi afaansaa
Seenaa uummatasaa
Sirriitti hubata
Biyyasaa oromiyaa
Baay’isee jaalata

Bilisummaa isheetiif
Yeroo hundaa falma
Aadaa halagaatiif
Silaa hin qabuum dhimma
Oromiyaaf jiraata
Oromiyaaf du’a
Biyya halagaatiif
Inni hin qabu dantaa
Ofitti hin qaana’u
Sabasaatiin boona
Ni beeka lamminsaa
Akka ta’e jagna

Dhaloonni qubeedhaa
Diinaaf garaa hin hiru
Abdii oromiyaati
Kan isheetiif yaadu
Isa malee hin jiru
Isaatiin eegamtee
Isaatiin tikfamti
Biyyikoo oromiyaa
Walabummaa isii
Ni mirkaneeffatti
Dhaloota qubeetiin
Oromiyaa guddoon
Iftee ni mula’tti
Sadarkaa addunyaatti

Leave a comment