BOORANNI FAAYA; BOORANNI MIIDHAGINA!

Gidduu kana gara Godina Booranaa, magaala Yaaballoon, imaleen jira. Dhimma qorannootiif. Imalli ani gara Yaaballooti godhe salphaa hin turre. Daandiin garas nama geessitu baay’ee badduu dha.Hawaasaa (bakka jireenyaa fi bakka hojiikoo) ka’ee hagan magaala guddoo Godina Booranaa,Yaaballoo, gahutti sa’atii kudhanii ol natti fudhate.

Karaan/daandiin Hawaaasaatii gara Yaaballoo- Moyaaleetti nama baasu hojjetama jira. Garuu ariitii hin qabu. Erga hojjetamuu jalqabee ganna afurii ol ta’eera. Bakka takka takkatti dandiin kiiloomeetira muraasni xumuramee tajaajilaa jalqabeera. Harkaa caalaa garuu karaan qoqqotamee boola ta’eera. Konkolaataan akka garaa hin deemu. Boolla qotame keessa lixaa, achii ba’aa ; imaltoota oliigad raasaa; oliigad darbachaa; walitti isaan buusaa; kalee isaanii dhukkubsaa ; dugda isaanii butuchaa Yaaballootti isaan baasa.

Keesumaa karaan Diillaa haga Bulee Horaatti jiru, dhugaa dubbachuuf taanaan, nama butucha, qaama nama diigaa. Karaa kanaan osoo hin dhufne ta’ee, maal qaba nama jechisisa. Garuu maalgodha; takka karaarra buunaan duubatti deebi’uun hin jiru. Obsa godhatanii, ilkaan ciniinnatanii abdiin haga bakka yaadan ga’anitti gara fuulduraatti imaluu qofa. Imaltoonni gaafa cinqamni waa’ee karichaa walitti haasa’u. Warra karicha hojechaa jiran (warra Chaayinaa fi warra Hindii) abaaru; takka takka immoo mootumaa abaaruu (maaliif akka ta’e isinuu beektu); kanneen konkolaachisaa abaaranis ni jiru. Maaliif jennaan suuta deemuu didee, karaa babbadaa sanarra waan ariitiin konkolachiisuuf jecha .

Ani Diillaa gadi darbee yeroon deemu yeroo jalqabaati. Gara Booranaa waan deemaa jiruuf gammachuu guddaatu natti dhaga’amaa ture. Karichi garuu akkuma imaltoota kaani akka malee na cinqaa ture. Harka koo lamaaniin, kalee koo lamaan akka bakka isaanitii hin sochoone qabadhee; muduraa fi kuduraa lalisaa (ever green) karaa cina jiraan ilaala ; magaalota xixiqqqaa Godina Geedi’oo fi Godina Booranaa keessa jiran maqaasaanii namoota na bukkee taa’an gaafachaa; ijji koo sakandii tokkoof osoo walhinqabatiin magaala Yaaballoo ga’e. Achi ga’uu kooti baay’een gammade. Dadhabbii koollee nan irranfadhe. Uummata Booranaa kitaabaa fi Televiziiyoona qofaarratti beekuu ijaan arge.

Dhuguma, uummanni Booranaa, Oromoota aadaa fi dudhaa saani hedduu jaalatani ta’uu mirkanneessadhe. Warri Boorana, bara Oromoonni bakka biraa jiraatan dhiibbaa warra Habashaatiin irra ga’een aadaa isaanii yeroo dagatan, warri Booranaa garuu aadaan isaanii osoo hin faalamiin eeggatanii yoonaan ga’ataniiru. Warri Boorana faaya; warri Booranaa miidhagina! Dhirris, dubarris uffataa aadaasaani uffatanii magaala Yaaballoo keessa haajaa adda addaf yeroo socho’an arguun namatti tola.

Warri Boorana nama baay’ee ni kabaju. Keessumma ni jaalatu; gammachuun simatu. Aannan ho’aa fi furdaa kan eesattu hin argamne namaa laatu. Akkasi. Warri Boorana warra nagaati. Nama hin tuqani. Waan namaa hin barbaadani. Warri Booranaa uummata waaqa sodaatu. Kijibni, sobni, hanni, dhugaa dabsuun, fakkeessuun, namarratti shira yaaduun cubbuudha. Booranni nama hin abaaruu (arrabsuu) hin beeku.

Gaafa dubbatan afaan isaanii nama hin quuqu; baay’ee miidhaga. Akka Afaan Oromoo bakka biraatti dubbatamuu baay’ee hin dheeratu. Gurra namaatti tola. Waan isaan jedhan haga kana hubachuun nama hin dhibu. Ani Wallaggatti dhaladhee guddadhee; garuu loqodasaanii hubachuun na hindhibne. Isaanille kiyya ni hubatu. Garuu loqodaa saanii baruun hawwe. Osoon akaasaaniiti dubadhee gammachuun koo daangaa hinqabu. Keesumaa dubartooni isaani nama waliin yeroo hasa’an laphee nama butu. Jaalaaltu afaan saanii keessa rooba. Abbaan koo haa du’uu! Namni intalti Boorana yeroo isiin haasoftu dhaga’ee, jalaalesheen booji’amuunsaa hin hafu. Anille ergan Yaaballoo ga’ee shamarran Booranaa hedduun jaaladhe. Garuu maalgodha, haadha warraan qaba. Abba mucaati. Abbaa Naabeek. Waliin taphachuu malee waabiraa gochuun naa hindandanda’amu.

Silaa osoon qeerroo ta’ee, intala Booranaa fuudhee, warra Boranaattin soddoomee natti tola ture. Wayyoo, yaa bada anaa,! Waanaan haasaa jiru kana haati Naabeek akka nan dhageenye. Boorana bubbulee, garasheettan deebi’aa, yaa jaranaa. Dubbiin kun ishee bira geenyaan Booranatii hafuu kooti. Maaliif jennaan, Haati Naabeek, gara manaatti nan deebistu kaa.

Isheen dubbi kana dhageessee, naan lollaan, eessan dhaqa jettaniitu; gara Booraanaatti deebi’ee, intalti Boornaa sana fuudhee, Taltallee ykn Meeggaa ykn Areerootti galee ishee wajjin loon horsiifachaa, aannan dhugaa, dhadhaa nyaachaa, aadaa Borantichaa kabajaa, sirna gadaatiin bulaa, ijoollee aadaa beektu; kan waaqa sodaattu, kan bilisummaa Oromoof qabsooftu, horee guddifachaa, bareedduu Booranaa, wajjin jiraadha ……. haga lubbuun addaan baanutti.

Oromoota bakka maraa jirtan hundaaf warri Boorana nagaa, jaalalaa fi tokkummaa isinii hawwu!!!

Advertisements

One thought on “BOORANNI FAAYA; BOORANNI MIIDHAGINA!

  1. an dursee baga waaqayyo biyya booranaatin si gahe ani immoo caalaa kee loqoda walaggaa jaaladha osoo gujii dhuftee immoo kanaa olidha. ani barsisoota walaggaa tanbiyya teenyaa haasaa isaanii yeroon dhaga’u gororan buusa.guyaa tokko b/saa wayii koshee irra hin ejjatin jennaan kolfaan hin gaggabe akka keenyaatti baala bunaa goggogaadha inni mmoo wanta saalfit naan jedhe akkasittis wal jaalachaa wajjiin turre amma loqoda wallaggaa sirritti nan bare.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s