Paartiileen Mormitootaa Shan Walta’anii Hojjechuuf Wliigalan

PDFM

VOA/TUJUBEE HORAA: Paartiileen mormitootaa shan: Sochiin Bilisumaa Uummata Benishaangul, Sochiin Bilisummaa Uummata Gaambellaa, Addi Bilisummaa Biyyoolessaa Ogaaden, Addi Bilisummaa Oromoo fi Addi Bilisummaa Biyyoolessaa Sidaamaa, xumura torban dabree irra tumsa haarawa polotikaa hundeeffachuu isaanii beeksisan.

Biyya Noorweey, magaalaa Osloo keessatti – Onkoloolessaa 22 fi 23 walga’uudhaan, “Tumsa Uummatootaa Bilisummaa fi Dimookiraasiif” ka jedhamu tumsa polotikaa haaraa hundeeffachuu isaanii, ibsa ejjennoo facaasaniin kan ibsan hoogganoonni dhaabbatoota kanaa “PAFD yokaan, akka afaan Oromootti TUBD – jedhamuun kan waamamu tumsi polotikaa haaraan kun – akka ummatoonni Itiyoophiyaa keessaa marti gamtaadhaan sirna cehumsa siyaasaa fedhii uummatoota maraa irra madde hundeeffatan hiree kennaaf” jedhu.

PAFD yokaan Tumsi Uummatootaa, ka Bilisummaa fi Dimookiraasiifii – sirna abbaa irree, ka gareen tokko warra kaan dhuunfatee bulchu diiguudhaan, sirna haqa siyaasaa haaraa, ka mirgi hiree-murteeffannoo uummatoota maraa dhugumatti itti kabajamu ijaaruuf ka qabsaa’uu ta’uu illee ibsa ejjennoo bahe kana keessatti ibsanii jiran.

Advertisements

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s