Oromoonni Hedduun Gara Mana Hidhaatti Guuramaa Jiru

1937164_1204828436199164_4807012053053283199_n (1)
Dargaggoo Gammachuu H/Maaraam; humnoota mootummaatiin FDG irratti hirmaateetta jedhame  gaafa 20/12/2015 to’anno jala kan oole

Humnoonni mootummaa Oromoota kuma hedduutti lakkaa’aman Fincila Diddaa Gabrummaa(FGD) Oromiyaa keessatti adeemsifaa jiru irratti hirmaataniittu jechuudhaan gara mana hidhaatti guuranii darara jiru. Baratoonnni, barsiisonni, wallistoonni, gaazexeesitoonni, daldaltooni akkasumas quteebultoonni humnoota mootummaan uukkaanfamanii erga fudhatamnii booda reebicha fi miidhaa cimaa  irraan gahuun isaan darara jiru. Namoonni ukkaanfaman baay’een isanii eessa akka jiran hinbeekamu. Maatii, firootaniifi hirriyyoonni akka isaan hindubbisne godhamaniiru.

Suraan armaan olii irratti kan mula’atu Gammachuu Haylamaaram Dinqaa jedhama. Dhalatee kan guddate magaala Ambooti yoommuu ta’u taphataa kubbaa miilaa Magaalaa Burraayyuu ture. Kan jiraatu magaala Sabbataa yeroo ta’u, gaafa 20/12/2015 bakka hojiirraa isa qabanii gara Maa’ikalaawwiit geessanii ergaa dararaa turani booda shoorkeessummaarratti hirmaateetta jechuun himata itti bananiiru

Gammachuun  erga qabamee hidhameetii, maatii, firoottanii fi hiriyyoonni isa dubbisuufi haala inni irra jiru beekuu hindandeenye. Gammachuu fi dargaggoonni Oromoo kuma hedduun yeroo amma kanatti mana hidhaa keessatti badii tokko malee, mirga isaanii waan gaafataniif qofa dararama jiru. Hidhaa fi ajjechaan qabsoo Oromoon abbaa biyyummaaf taasisa jiru dubbatti hindeebisu!

 

Advertisements

5 thoughts on “Oromoonni Hedduun Gara Mana Hidhaatti Guuramaa Jiru

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s