Humnoonni Mootumma Dargaggoo Jalabultii Ga’ela isaarratti rasaasaan rukutani

Suuraa: Fitsum Abaataa Mokonnoon kan guyyaa jalbultii ga’eela isaa humnoota mootummaan magaala Barruusaa keessatti rukutame (Madda Suuraa: Feesbuukii).

Humnoonni waraanaa Mootummaa Itoophiyaa guyyaa kaleessaa (8Amajjii2016)  jiraataa  Goodina Iluu Abbaa Booraa,magaala Barruusaa (magaala xiqqaa kilo meetira 18 magaala Mattuu iraa fagaatu) kan ta’e dargaggoo Fitsum Abaataa rasaasaan rukutanii miidhaa cimaa irraan ga’aniiru.

Fitsum irra balaan kun kan ga’e cidha guyyaa itti aanuuf osoo inni qophaa’aa jiruuti. Kaleessa galagala, osoo inni maatii, firootaniifi fi hirriiyoota isaa waliin ta’e qophii ga’eela isaa gochaa jiru, humnoonni waraanaa Wayyaanee dallaa cabsanii yeroo galan waan Abaataan gadi itti baheef battalummatti itti dhukaasuun miidhaa cimaa ta’e irraan gahaniiru.

Amma Fitsum hospitaala Mattuutti yaalamaa jira. Humnoonni waraanaa Iluu Abbaa Booraa keessatti mormiin ni ka’a jedhanii naannoo sana  qubatan, dargaggoo ga’eela isaa kabajachuuf qophaa’aa jiru badii tokko malee madeesaniiru. Guyyaan ga’eela isaa gammachuuf ta’u maluu, guyyaa gaddaa ta’ee ooleera.

Suraa: Waraqaa Waamicha Fitsum Cidhasaaf Qopheesise (Madda Suraa : Facebook)

Yeroo ammaa kanatti dararaan uummata Oromoo irra gaha jiru yeroodhaa gara yerootti dabalaa dhufeera. Humnoonni tikaa Wayyaanee, namoota haga mana isaaniiti deemuun ajjeessuu fi dararuu irratti argamu. Oromoota hedduus mana hiidhaatti guura jiru.

Uummanni Oromoo qabsoo jalqabe jabeessee itti yoo fufe malee ajjechaa fi dararaan isa irra ga’u akka malee cimaa jira. Haga gaaffiin Oromoo deebii sirrii ta’e argatutti diiddaan jalqabame daran cimee itti fufuu qaba. Kun ta’uu baannaan, wayyaaneen uummata Oromoo irratti miidhaa guddaa irran geessi.

Advertisements

One thought on “Humnoonni Mootumma Dargaggoo Jalabultii Ga’ela isaarratti rasaasaan rukutani

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s