Oromoonni Biya Alaa Jiraatan Hiriira Nagaa (Global Solidarity Rally) Taasisan

Oromoonni biyya alaa jiraatan guyyaa hara’aa jechuun Bitootessa 11, 2016 hiriira nagaa magaaloota Awuroopaa fi Ameerikaa hedduu keessatti taasisaniiru. Kaayyoon hiriira nagaa kanaa gochaa mootumman abbaa irree Itoophiyaa  Adda Bilisa Baasaa Uummata Tigraayiin (TPLF) durfamu uummata Oromoo irraan gahaa jiru balaaleffachuufi uummatni addunya  Oromoota mirga isaanii gaafachuuf mormii karaa nagaan adeemsiisaa jiran irratti ajjechaa fi dararaa motummaan wayyaanee raawwachaa jiru akka beekan gochuudha. Akkasumas Oromoota Oromiyaa keessatti fincila diddaa gabrummaa finiinsaa jiran bukkee dhaabbachuuf hiriira nagaa qindaa’edha.

Haaluma kanaan hiriirri nagaa kun magaalota gurguddo biyyoota Awurooppaa kan akka Osloo (Noorweey), Barliin (Jarmanii), Londoon (UK), Paariis (Faransaay), Roomaa (Xaaliyaanii), Barni (Siiwiizarlaand) fi Istookoolmi (Siwuudiin) keessatti haala cimaa ta’een deemsifameera. Akkasumas magaaloota Ameeriikaa (USA) keessattis kan adeemsifame yoo ta’u, kan magaala gudditti Ameerikaa, Waashingitan, keessatti adeemsifame isa guddaa ture jedhameera.

Hirmaatonni hiriira mormichaa dhaaddannoo ” Mootummaan wayyaanee Oromoota ajjeesuu dhiisuu qaba!, warri hidhaman haa hiikaman!, loltoonni mootummaa Federaalaa Oromiyaa gadlakkisanii haa bahan!, qotee bulaan Oromoo lafasaarraa buqqa’uu hinqabu!, Oromoon abba biyyaa ta’u qaba! kan jedhan qabatanii bahaniiru.

Hiriira nagaa boodas qindeessitoonni  hiriiricha xalaayaa haala Oromiyaa fi uummanni Oromoo keessa jiran ibsuu fi mootummoonni Itoophiyaaf deeggarsa godhan  dhiibbaa akka mootummaa wayyaanee irratti godhan gaafatu bakka buutota mootummaa biyyoota keessatti hiriira bahaniif kennataniiru. Oromoonni biyya alaa jiraatan (Oromo Diaspora) yeroo kamiyyuu caalaa tokkummaan walduuka bahuudhaan ajjechaa fi daraaraa ummata Oromoorra mootummaa wayyaaneetiin  gahaa jiru haala cimaadhaan balaaleffataniiru. Hiriirri nagaa akkasii kun haala itti fufinsa  qabuun kan taasifamu akka ta’e beekuun dandaa’ameera.

Suraa: Hiriira Nagaa magaala Waashingitan (Bitaa) fi Paariis (Mirga) Oromoonni taasisan

Advertisements

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s