OROMOO BARAARUUF WAYYAANEE GAGGABSUUN BARBAACHISAADHA

Kabajamtoota ilmaan Oromoo!!!

Ji’oota afran darbaniif ummanni keenya mirga abbaa biyyummaa isaa kabajchiisuudhaaf xiiqiin ka’ee qabsoo wareegama qaqqaalii nu kafalchiise, akkasumas injifannoolee cululuqaa nu gonfachiise godhaa jira. Sirni abbaa hirree ol’aantummaa wayyaaneetiin hoogganamu gaafii ummanni Oromoo karaa nagayaatiin dhiheesseef nagayaan deebisurra dhiiga lammii keenyaa dhangalaasuu fi hidhuu itti fufee jira. Hanga ammaattis gochaa suukkaneessaa raawwataa jiruun dubartii ulfa fi daa’imman kichuullee otoo hin jedhin raasaasaan akaayuun diinummaa uummata Oromootiif qabu agarsiisaati jira. Gorsaa fi akeekkachiisa ummata addunyaa biraa dhihaataafii jirutti gurra cufatee jira gochaa sanyii duguuguu ittuma jira. Murni wayyaanee kun yaada furmaataa DHDUO/OPDOn dhiheesseef tuffatee qondaalota DHDUO lakkii gochaan Oromoo irratti raawwatamaa jira jedhanii diddaa agarsiisan hidhuu fi hojirraa ari’uun doorsisuu filatee jira. Murni wayyaanee kun warreen kaaniin immoo uummata Oromoo gadi qabdanii akka nuti barbaadne akka bulu taasisuu dadhabdan jechuuniin aangoo irraa kaasaati jira.

Murni wayyaanee abbaan hirree kun yaada araaraa manguddoota Oromoo fi abbootii Gadaatiin dhihaate wayitti hin lakkoofne. Waamicha nagayaa maanguddoota Oromoo fi Abbootii Gadaa kana tuffachuun ol’aantummaa guyya guyyaan jalaa shigigaataa jirtu humna qawweetiin deeffachuuf Oromiyaa bulchiinsa waraanaa jala galchee jira. Murni wayyaanee kun duula ifatti uummata Oromoo irratti labsuun humnoota isaa hidhatan Oromiyaa guutuutti bobbaasee hanga ammaatti yoo xinnaate ilmaan Oromoo meeshaa waraanaa wayiituu hin hidhanne dhibba shanii ol haala suukkaneessaa ta’een galaafatee, Kuma dhibba tokkoo ol hidhee mana hidhaa keessatti dararama hammaataa ilma namaa irratti hin raawwatamne raawwataa jira. Bakka mormiin hin jirrettiyyuu Oromoota nagayaan karaa deeman ykn mana isaanii keessatti fixaa jiran. Yeroo ammaa kana Oromoo ta’uu qofaan ilmaan Oromoo akka yakkamaatti ilaalamaati jiru.

Duula ajjeechaa kanarraa saba keenya baraaruu fi qabsoon mirga abbaa biyyummaa injifannoon akka goolabamtuuf tooftaalee qabsoo babal’isaa sirna abbaa hirree kana hudhuun murteessaa dha. Kunis fincila marsaa 3ffaa keessatti hojirraa ooluu eegalee jira. Akeekni ijoon tooftaa kanaa qabsoon Oromoo duula mirga ofii gaafachuutirraa gara tarkaanfii mirga ofii deeffachuutti ceesisuudha. Haaluma kanaan tooftaaleen armaan gadii kun amma booda bal’inaan hojitti yoo hiikkaman sirna kana hafuura itti kutuun takkaa akka harka kennee mariif gadi taa’u, yookaanii gaggabee akka lafa dhahu taasisu.

1) Wayyaaneen gaafii saamichi lafaa haa dhaabbatu kan saamame haa deebi’u jedhu diddee jirti. Kanaafuu ummanni humna isaatiin gaafii tanaaf deebii argachuu qaba. Tarkaanfiin qabeenyaa invastaroota alagaa kan lafa Oromoo fudhatanii saba keenya hiyyoomsanii ofii duroomaa wayyaanee gibiraa fi matta’aa/gubboon goobsaa jiranii barbadeessuun lafa deeffachuun cimee itti fufuu qaba. Faayidaa: Akka seera Itoophiyaatti qabeenya lafarra jiru malee lafti kan ummataati. Kanaafuu qabeenyi irratti tuullatan dhabamnaan wanti hafe kan saba keenyaati. Itti dabaluunis kasaaraan invastarootarra gayu dinagdee isaan biyya sanitti seensisan sodaan akka dhaaban waan godhuuf madda galii Wayyaanee goggogsuun laaffisaa deema. Tarkaanfiin hamma ammaatti fudhatameeyyuu maallaqni abbootii qabeenyaa biyya alaarraa seenuu guututti akka dhaabatu godheera. Dabalataanis inveestaroonni biroonis gara Oromiyaa dhufuun maqaa inveestimentiitiin saamicha lafaa irratti bobba’uu akka sodaatan taasisaati jira. Tarkaanfiin amma booda fudhatamu immoo maallaqa biyyasii qaban akka baasan godha. Kun kaaznaa Wayyaanee goggogsuun sirnicha laamsheessee kufaatii isii saffisiisa.

2) Wayyaaneen ummata mirga isaa karaa nagayaan gaafannaan mana hidhaatti guurte hidhaa keessaa akka baastu ummanni Oromoo fi ummanni addunyaa sagalee tokkoon gaafatus kan hidhaman hiikuu dhiisi kumaatamaan guyyumaan itti dabalaa jirti. Kanaaf ummanni keenya ilmaan isaa mirga abbaa biyyummaaf waan falmaniif hidhaman takaanfii ofiitiin hiiksisuu eegalee jira. Hanga ammaattis seenaan hin dagatamne hojjateeti jira. Duulli manneen hidhaa wayyaanee Oromiyaa keessa jiran irratti eegalame kun of eeggannoo cimaa fi tooftaadhaan itti fufuun dirqama ta’a. Bakka mana hidhaa diiguun danda’amutti mana hidhaa diiguun qabsaa’ota harka diinaa jiran baasuu bakka hidhaa diiguun rakkisaa ta’etti heddumminaan itti hidhamuunis fala. Faayidaa: Qabsaa’otaaf bilisummaa argamsiisuutti dabalee caasaa sirnichaa gara gadii laanshessuu fi dhabamsiisuun sirnicha caasaa sirnichi uummata keessatti diriirsee uummata ittiin to’atu dhabamsiisuuf gargaara.

3) Daandii Cufuun bu’aa guddaa buusee jira. Tarkaanfiin kun tooftaalee sirnicha akka malee wareersuun waan qabatu wallaalchisee bu’aa guddaa buusan keessaa tokko. Tarkaanfiin daandii bakka hundatti cufuu kun akkuma jirutti ta’ee daandiilee gurguddoo sochii Agaazii fi diinagdee Wayyaaneef barbaachisoo ta’an cufuun yeroo dheeraaf adda kutuun faayidaa guddaa qaba. Faayidaa: Sochii Agaazii saffisaan bakkaa bakkatti geessuu hanqisa. Akkasumas sochii geejjibaa laaffisuun humna diinagdee sirnichaa laamshessaa deema. Hojiin daandiiwwan cufuu kun bifa gurmaa’aa fi qindaa’aa ta’een yeroo halkanii halkanii duulaan yoo raawwatame qabsoo guyyaa itti aanuuf fayidaa guddaa qaba. Yeroo halkanii daandiiwwan cufuun immoo lukkeeleen wayyaanee eenyu akka cufe akka hin beekne waan godhuuf gaaga’ama qabsaa’ota irra gahus hedduun xiqqeessa.

4) Diddaan konkolaachiftoonni/shufeeronni taaksii, baajaajii fi konkolaattota biroo kun karaa cufuudhaan deeggaramnaan geejjiba biyyattii dhaabuun mootummaa guututti laamshessa. Shufeeronni hojii dhaabuu qofa osoo hin taane gaafin isaanii deebi’uu baannan konkolaattota tajaajila kennan kan biroo irratti tarkaanfii dhaabsisuu fudhachuun faayidaa guddaa buusa.

5) Gibira Kafaluu Diduu: Akkuma beekamu qonnaan bulaan keenya tumsa qabsichaaf qabuu fi aantummaa Oromummaaf qabuun akkasumas jibbiinsa sirnicha irratti qabuun gibira lafaa kafaluu dideeti jira. Duulli gibira lafaa kafaluu diduu kun bakka maratti bifa walfakkaataan itti-fufuu qaba. Tokkoon tokkoon barataa fi dargaggoonni dhimma kana irratti maatii isaanii hubachisuun dirqama. Fayidaan gibira lafaa kafaluu diduu: sirnicha beekkamtii dhorkuu, mootummaa galii dhabsiisuu, gaaga’ama siyaasaa mootummaa irraan gahuu faati.

6) Uggura gurgurtaa: Akkuma beekamu midhaan, beelladni, kudraafi fudraan biyya san sooru irra caalaan Oromiyaa keessaa dhufa. Galii mootummaa sanii daran hanqisuufi rakkoon Oromoo mudatte tun ummata kaanis geettee akka mootummaa irratti ka’aniif duulli ominishi nyaataa saffisaafi baay’inaan akka hin sochoone godhuu feesisa. Tooftaaleen kun omishoota jireenyaaf murteessoo ( necessity) ta’an adda baasuun yeroofi bakkaa murteessaa ta’een dhaabuun milkii isaa ni guddisa. Tooftaa kana hojitti hiikuuf qonnaan bulaanfi daldalaan keenya gurgurtaa dhaabuu ykn hir’isuu dabalatee tarkaanfii daandii cufuufi shofeeronni hojii dhaabuun hojitti hiikama.

6) Barnoonni Bilisummaan Booda: Akkuma beekamu ji’oota sadan dabraniif barnoonni sirnaan Oromiyaa keessa hin turre. Mootummaan kun barsiiftota 60 ol ajjeessee, kuma lamaa ol mana hidhaa keessatti hiraarsaa jira. Barattoota dabtaraa fi qalama qofaa of harkaa qabanitti dhukaasa banuun hedduun fuuldura barattootaatti wayita galaafatu, hedduun dhiigni isaanii dhangala’eeti jira. Barattoonni 20,000 ol mana hidhaa keessatti hiraarfamaa jiru. Manneen barnootaa Oromiyaa buufata waraanaa waan ta’aniif tasgabbiin barachuun hin danda’amne. Kanaafuu haala kana keessatti baranneet wayitti baanaan hin yaadamu. Fakkeenyaaf warreen qormaata biyyaalessaa qorataman bifuma kamiinuu barattoota naannolee biroo bifa tasgabbaa’een waggaa guutuu barataa turan waliin dorgomanii gara barnoota ol’aanaatti ce’u jedhanii yaaduun gonkumaa hin danda’amu. Barattoonni Oromoo barana qormaata biyyaalessaa tasa fudhachuun irra hin jiraatu. Kanaaf barnoonni Oromiyaa keessa bilisummaan booda ta’uu qaba mariin jedhu baldhinaan godhamaa turuun ni yaadatama. Kanarratti amma namuu waliif galee jira.

Garuu tooftaa kana barattoonni mana barnootaa irraa hafuun osoo hin taane manneen barnootaatti argamuun kan amma duraa caalaa daran dirree qabsoo bilisummaa Oromoo gochuutu nu baasa. Kanarraa ka’uun Wiixata dhufu irraa eegalee barattoonni hundi manneen barnootaa banaa jiranii fi kan cufaman dabalatee yunifooormii isaanii sirnaan uffatanii dhaquutu irra jiraata. Barsiisonnis hojii idilee isaanitti deebi’u. Garuu adeemsa baruu fi barsiisuu osoo hin taane tooftaalee diddaa garaagaraatiin guyyaan dabra. Bakka qeerroo fi qonnaan bulaan hiriira qopheessanitti gurmuun itti dabalamuun, bakka haalli akkasii hin mijoofnetti taa’umsaan, seenaa barreessuun, waliif dubbisuun, warra miidhameef kadhannaa gochuun, faaruu qabsoo Oromoo farsuun kkf dabra.

7) Tarkaanfii hojii dhaabuu: Akkuma konkolaataan tokko socho’uuf goommaa isaa irratti irkatu, mootummaan kamiyyuu bulchiinsa/ bittaa guyya guyyaa geggeessuuf ogummaa hojjattootaa irratti hundaaya. Hojjattonni kun galii isaanii mootummaa irraa waan argataniif akkasumas dirqamni lammummaafi biyyummaa itti dhagayamee hojii isaanii sirnaan hojjatu. Garuu yeroo sirni abbaa irraa mirga ummataa sarbee, dantaafi ilaalcha hojjattootaa moggatti bgate, mootummaa san kararratti deebisuuf yookin ofirraa kaasanii kan irra wayyaatin bakka buusuuf hojjattoonni shoora guddaa qabu. Baatilee darban kana keessa hojjattoonni mootummaa Oromiyaa keessaa duulaa hojii laaffisuu (procrastination) godhaa jiraniin laamshayuufi burjaajjawu sirnichi yeroo ammaa keessa seeneef gahee guddaa taphatanii jiran. Amma tarkaanfii isaanii ol dabaluu diddaa hojii dhaabuutti seenuun kufaatii sirnicha kanaa saffisiisa. Tarkaanfii kana ammoo tooftaalee diddaa barattonni, shofeeronnifi qonnaan bultoonniifi daldaltoonni fudhataniin walitti qindeessuun bu’aa isaa dachaan guddisa.

Tarkaanfileen armaan olii kun bifa qindaawaa ta’aniin hojitti yoo hiikaman bu’aalee tarsimoo (strategic gains) armaan gadiitu irraa argama. Baasiin mootummaa ni dabala, galiin isaa ni hir’ata. Bajata namoota ittin bitee ummata ittin cunqursuun rakkata, kan warra alaa sossobuun hanqataa deema. San qofaa miti akkuma diinagdeen laaffatuun qondaalonni ol’aanooniin quba walitti qabuun walsababuu akkasumas adda babahuu aangorraa waldarbutti seenu. Kun ammayyuu akkuma agartan galma gayaa jira. Daran itti jabeessinaan yeroo gabaabaa keessatti gaaga’ama hamaa (acute crisis) keessaa bahuu hin dandeenye seenti. Kun ammoo tarkaanfii isa dhumaa irratti fudhatamuu qabuuf toora saaqa. Tarkaanfiin sun maali? Yoo achi geenye mari’anna. Amma qabsoo jalqabne finiinsuu qofaa dha filmaanni qofa galeessi qabnu!!!

Dhumaratti ilmaan Oromoo milishaa, poolisii fi loltuu ta’anii sirnicha tajaajilaa jiran hamma ammatti obsaan turuun keessan nama boonsa. Ammasyeroon tarkaanfii dhihaachaa jirti. Miidhaan lammii keessanirra gahu garaa isin gubee dhuunfaan tarkaanfiitti seenun dogongora tarsiimooti. Tarkaanfin fudhatamuu bifuma karooraatin karaa qindaawaa ta’een gamtaan raaw’atamuu feesisa. Amma qophiin lojistikii, qorannoo fi karooraa (research and planning) saffisaan goolabamuu qaba. Mootummattiin saffisa yaadameen olitti diigamaa waan jirtuuf hojiin qophii bifamu saniis saffisaan goolabamee gara tarkaanfii seenamuu baannaan gaaga’ama hamaatu uumamuu mala. Amma gara tarkaanfii karoorfameetti deemamutti gaaga’ama uummata Oromoo mormiif dirreetti bahu irra gahu xiqqeessuuf toftaalee garaagaraa bilchinaan fayyadamaa.

Ilmaan Oromoo miseensummaa DHDUO/OPDO keessa jirtan immoo hedduun keessan keessa keessa qabsoo deemamaa jiru deeggaraa fi kallattiiwwan addaa addaatiin gargaaraa akka jirtan uummanni hubachuun barbaachisaa dha. Warreen duraan irraa jalqabdanii qabsicha gargaaraa fi deeggaraa jirtan haaluma jalqabdaniin qabsicha cinaa dhaabbachuun galmee seenaa keessatti seenaa boonsaa akka olkeewwatan isin yaadachiisuu feena. Namoonni muraasni fayidaa dhuunfaaf jecha qabsicha gufachiisuuf ulee diinaa ta’aa jirtan uummanni Oromoo balleessaa keessan irraa ni barattu jedhee obsaan yeroo isiniif kenneeti jira. Obsis hanga akka qabu isin hubachiisuu barbaadna. Dogoggora seenaa hojjattanii maqaa keessan seenaa xuraawaa dibuu qofaa miti wanti isin eeggatu. Uummanni dheekkamee jira waan ta’eef yeroon otoo karaatti deebitanii isiniif gaarii dha. Sirna kufaa jirtutti rarra’uun fiiguun kun waliin qilee seeenuun ala fayidaa tokkollee hin argamsiisu.

Dhimmi inni biraa fi murteessaan Oromoo marti dagachuu hin qabne waan naannawaa keessanitti ta’aa jiru Suuraa fi Viidiyoo kaasuun erguun gochaa wayyaanee saaxiluu fi adeemsa qabsoo Oromoo addunyaatti beeksisuun dhimma murteessaa dha.

Haqaaf falmanna,tokkummaan qabsoofna, tarsiimoon masakamna, ni injifanna!!!

Source:Jawar Mohammed

Advertisements

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s