Injifannoo Uummanni Oromoo Baatii Saddet Darban Galmeesise Xiqqeessinee Ilaaluu Hinqabnu

By: Jawar Mohammed
 Namni gariin sochii ollonnii keenya torban kana godhan ilaaluun qabsoofi injifannoo ummanni Oromiyaa baatii saddeetiif galmeessaa keessa dabre xiqqeessuuf yeroo yaalan agarra. Kanaafuu qabxiilee takkaa lama wal yaadachiisuun feesisaadha.

1. Oromoon diina hin ajjeefne kan jedhuuf…maal waan hin lallabiniifi moo? Mootummaanuuu looltoonni meeqa akka jalaa du’an akka amane ni dagattani? Dhugaa jiru yoo barbaaddaan seenaa Bosona Cilliomoo, laga Mogor, Shaallaafi Gaara Mul’ataatti hojjatame qorachuun barbaachisaadha. Shawaa Lixaa naannoo Gaalessaatti dargaggoon qawwee diinarraa hiikkateen humna addaa ( commando) Wayyaaneen bobbaase ji’a lamaa oliif ofirraa ittisee rasaasni harkaa akka dhume beektuu laata? Dubartiin teenya muka mooyyeetin Agaazi mataa dhooftee kilaash hiikkachuun isii hagasumatti irraanfatamee laata? Ummanni keenya qawween bahee ajjeesee geeraruu kan dhiise akka gariin yaadutti qawwee waan dhabeefillee miti. Xiqqaattus takka nyaattee taatus waa numa jiran. Bakka dhabetti ammoo akkuma qabatamaan agartaan dhibbaatamaan hidhattoota mootummaa irraa hiikkachuu akka danda’u mirkaneessee jira. Hoggansi sadarkaan jiru lola qawweetti seenuun tarsiimoo isaa hin turre.

Qabsoo keessatti ajjeesuun miira yeroo oowwisuu danda’a, tarsiimoofi qophii itti fufiinsa mirkaneessu qabaachuu baannaan gaaga’ama malee faaydaan isaa muraasa. Ummanni keenya tarsiimoofi jaarmaya waraanaaf qophaayen maletti qawwee qabatee osoo bahee jiraate ji’a saddeet dhiisaa torban sadihiifusadarkaa bal’aa sanitti itti fufee qabsaayuu hin danda’u ture. Injifannoolee gurguddoo argate kanas hin goonfatu ture. Kanaaf ummanni keenya qawwee ammayyaa dhiisaati meeshaalee waraanaa aadaatuu qabatee akka hin baane itti waywaatamaa turuu hin irraanfatinaa! Yoo waraanuu hin henne hin luqqufatiniin makmaaksa Oromooti.

2. Kan Gondaritti ta’e kan naannawa Shaashamanneetti ta’een wal fakkaata. Humnoota Tigreen ergitetu hidhattoota mootummaa naannootiin ajjeefame. Yoo yaadattan Ajjeetti ( naannoo Shaashamanneetti) poolisootaafi hidhattoota Oromiyaatu humnoota federaalaa fixe.

3. Qabsoo faara qabdu godhuuf saffisaa ( intensity) fi turmaata ( sustainability) wal madaalchisuun barbaachisaadha. Sochiin tokko lamaan keessaa saffisa qofa irratti yoo fuulleeffate yoo dafee sirna san lafaan hin dhahin humna fixatee gaggabee faca’a. Kana ammoo qabsoon teenya sadarkaa adda addaatti keessa dabarteet muuxannorraa ka’uun sochii bifa tasgabbaa’een ji’a saddeetiif turu uumte.

4. Qabsoo Oromiyaa keessatti godhametu sodaa cabsee naannolee bira onnachiise. Ji’a saddeetiif haleellaa mootummaatin osoo of duubatti hin shubamin itti fufuu isaatitu naannawa biraatiif onnee kenne. Tooftaa xixiqqaan osoo hin hafin Oromiyaa irraa akka baratame ni muldhata.

5. Paartiin Amaara kan Wayyaaneen bixxilame tibba kana aantummaa ummataa agarsiisuun ifa. Jarri OPDOs hamma barbaadamus ta’uu baatus hojii sirnicha laaffisee qabsoo gargaaree baay’ee hojjatan. Jarri ANDM tarkaanfi amma fudhataniif fakkeenya kan ta’e waan OPDOn gariin Oromiyaa keessatti goote ta’uu hin shakkinaa. Kana jechuun OPDOn waan dandeessu hunda goote jechuu miti. Hoggansi isaanii gaafa dubbiin jabaattee duubatti shirgigaatuun, kaabineen gara gadii diinummaan ummata miidhuun ni jira.

6. Naannoo Amaaratti fincilli dhoohuun qabsoo Oromiyaa keessaatiif hiree guddaadha. Sababni isaas maddi fincila kanaa gaafii eenyummaafi abba biyyummaa waan ta’eef qabsoo Oromootiif dhugaa galcha. Itti dabalees fincilli bakka bakkaa dhoowuun sirnicha saffisaan laaffisuuf fayyada.

7. Qawween ummata keenyaaf hin barbaachisu jechuu miti. Ni barbaachisa. Qawwee qofaa miti kan barbaachisu. Jaarmayaafi tarsiimoo waraanaa barbaachisa. Kana ammoo mootummaa tana kuffisuuf qofaa miti. Kana kan barbaannu Wayyaanee gara nuuf tolutti jiigsuu qofaaf osoo hin taane gara fuulduratti dantaa siyaasaafi diinaggee Oromoo naannawa sanitti kabachiisuuf humni waraanaa cimaa jaarrachuun murteessaa waan ta’eefi.

Walumaagalatti hojii ollaan hojjatu qalbiin ilaaluun waa irraa barachuuf faaydaa guddaa qaba. Hinaafuunis yoo kan hojii san daran hojjachuuf nama kan kakaasu taate hamaa miti. Garuu hojii ambaa laalanii hamilee of cabsuudhaan gootummaa, murannoofi injifannoo saba ofii xiqqeessuun gad-aantummaadha. Ummanni keenya qabsoo nagayaa ( nonviolent resistance) kan biyya sanitti hin danda’amu jedhamaa ture akka danda’amu qabatamaan agarsiisee ollaas barsiisee jira. Qabsoo hidhannoo har’a hin danda’amtu jedhamtus gaafa tarsiimoofi qophiin itt seene shakkii malee galmaan gaha. Warri qabsoo hidhannootin diina haleeluu barbaadu kan ormaa laalee of tuffachuu ykn ammoo qabsoo nagayaa saba keenyaa xiqqeessuurra, tarsiimoofi jaarmaya qabsoo hidhannootif barbaachisu qopheessutti osoo fuulleeffatee wayya.

Advertisements

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s