Xalayaa Banaa Hogganoota ABO, ADO, ABO Tokkoomee fi KWOf

Yaya Beshir  (Boruu Barraaqaa, Dubbataa ABO duraanii irraa)

Obbo Daawud Ibsaa, hogganaa Adda Bilisummaa Oromoo
Obbo Leencoo Lataa, hogganaa Adda Dimokraatawaa Oromoo
Obbo Abbaa Nagaa Jaarraa, hogganaa Adda Bilisummaa Oromoo Tokkoomee
Janaraal Kamaal Galchuu, hogganaa Kallacha Walabummaa Oromiyaa

Nageenyi jaallummaa haa dursu. Itti aansuun dhimma xalayaa banaa kana isinii barreessuuf na dirqettin gabaabsee seena. Akkuma beekamu Addi Bilisummaa Oromoo bara ummanni Oromoo dukkanaan liqimfame san keessatti dungoo abdii tahee dhalate. Dungoon abdii Oromoo sunis bubbee diinotaa kan isii dhamsuuf bahaa dhihaan, kaabaa kibbaan itti hafuursan meeqaatam dandamattee odoo iftuu har’a geesse. Kanaafuu warra dungoon sabboonummaa ABOdhaan qabsiifame sun ija baneefis tahee dhaloonni haaraan eega dungoon sun qabattee booda dhalatee keessatti of bare hundi maqaa ‘ABO’ jedhu kanaaf jaalalaa fi galata guddaa qaba. Dhaloota dantaa Oromoo fi Oromiyaa irratti halagaa kamiinuu waliin araara hin teenye haaraya argamsiisuu irratti gumaachi Adda Bilisummaa Oromoo hiriyaa hin qabu. Kanaaf jecha ABOn eega sadarkaan dammaqiinsa ummata Oromoo daalifee booda akka dhaaba siyaasaa kallacha qabsoo tahe tokkotti jaalatamuu, abdatamuu fi kabajamuu bira dabree, akka hafuura Oromummaatti fudhatamuun kan haalamuu miti. Kana keessatti ammoo hoggana irraa qabee hanga miseensa leexaatti kanneen surraa kana fakkaatu dhaabicha gonfuu keessatti qooda qabdan hundi galata seenaan hin daganne qabdu.

Haa tahu malee baroota as kaluu kana, surraan ABO ulfaataan sun akka ummanni Oromoo abdatutti sadarkaa isaa eegee qooda hoggansa qabsoo irraa eegamu gumaachuu hin dandeenye. Gaafa bara 2001 keessa ‘ABO Qaama Cehumsaa’ fi ‘ABO Shanee Gumii’ jedhamee bakka lamatti cabuu irraa qabee keessi isaa ititee hin beeku. Jaarmayoonni lama fi sanii ol maqaa dhaaba tokkichaa fi alaabaa tokkichaa wal harkatti qabuu eegaluun, abdii ummanni Oromoo dhaaba guddicha kana irratti qabu tokko jedhee madeessuu eegale. Sana duras taanaan bara 1978 irraa qabee dhaaba kana irraa murnoonni cabanii deemuun waanuma ture tahu illee, alaabaa tokkoo fi maqaa tokkicha wal harkatti qabanii wal afoo dhaabbachuun hanga bara 2001tti hin turre.

Sanii as bara 2008 fi 2012 waan tahes walumaanuu quba qabna. Dhaabonni afran xalayaan banaan tun isin laallattu illeen dhalachuun sababuma olitti yaadachiifame irraa ti. Keessattuu waldiddaa bara 2008 dhalate booda tahuun ifaa dha. Muuxannoo gaddisiisaa keessa dabarre kana hubanneerra yoo taheef dhugaa hin haalamne tokko agarra. Gargar cabuun al tokko dhalatu daranuu caccabiinsa dabalataaf karaa banaa deeme malee eenyu illee eenyuunuu akka injifatu hin dandeessifne. Fakkeenyaaf, Qaama Cehumsaa fi Shanee jedhamuun gargar cabiinsa bara 2001 dhalate haa laallu. Qaamni Cehumsaa bara san gurmuu qabsaayota gameeyyii kumootaan lakkaayaman jajjaboo qabatee addatti bahe. Lakkuma bubbuluun haphataa deemee bara 2014 keessa hangi xiqqaan qofti qaama Shanee Gumiitiin walitti araarame jedhame. Kumoota bara 2001 Qaama Cehumsaa waliin bahan keessaa meeqatu araara bara 2014 booda caasaa walootti deebi’e jennee yoo gaafanne lakkoofsa qubaa hin caalani. Har’a hogganoonni, qondaalonnii fi miseensonni gameeyyiin ABO waggaa 15 dura maqaan isaanii ummata biratti beekamuu ture araara bara 2014 tahe jedhamu san keessa jiru natti hin fakkaatu. Kasaaraan hayyootaa fi hogganoota warraaqoo kasaarre guddaan tokko isa kana.

Itti aansee bara 2008 ABOn Shanee Gumii gargar caphiinsa irra-rifaasisaa biraa mudate. Gargar caphiinsi bara kanatti tahe dhaabicha hanga hundeetti raase. Rakkoo bara kanatti dhalate wanni adda godhu qaamni gargar bahe lamaanuu (Shanees tahe Jijjiiramni) of keessatti caccabiinsa mata mataa isaanii keessumsiisuu isaaniiti. ABOn Jijjiiramaa bara 2008-2015 gidduutti bakka afur caalaatti gargar caccabuu mudate. Warra xalayaan banaan tun laaltu keessaa lama, jechuunis, Addi Bilisummaa Oromoo Tokkoomee fi Kallachi Walabummaa Oromiyaa illeen kanuma keessaa akka dhalatan ifaa dha. Gariin miseensota qaama kanaa murna kamuu irraa abdii muratanii manatti galuunis dhugaa dha. Jara gargar deddeeme kana keessttis eenyu illee eenyuunuu hin injifanne. ABOn Shanees gama isaatiin bara 2012 keessa gargar cabiinsa dabalataan isa keessatti dhalateen hogganoota, qondaalotaa fi miseensota gameeyyii jajjaboo dhabe. Warra kanaa fi warra ABO Jijjiiramaa labsee ture garii irraa ADOtu dhalate. Gargar deeminsa kana keessattis eenyu illee eenyuunuu hin injifanne.

Gargar cabiinsi lakkoofnu kun hundinuu kasaaraa qabsoo Oromoo malee milkii homaatuu hin gumaachine. Bu’aan argame yoo jiraate, kasaaraa lubbuu namaa (loss of life), kasaaraa dhala namaa (loss of human resources), kasaaraa hamilee, kasaaraa dinagdee, kasaaraa waraanaa, kasaaraa siyaasaa, kasaaraa dippilomaasii fi kasaaraa yeroo ti. Kasaaraaleen kun cufti walitti ida’amanii surraa ABO isa sodaatamaa fi kabajamaa durii san akka malee dhoran. Yaaddoon duraan diinni dhaaba kana irratti qabaachaa ture gara tuffiitti akka jijjiiramu gumaachan. Maqaa ABO adda addaa himachuun kun halagoonni akka gammadanii nutti kolfanii fi sabni keenya ammoo akka gaddee boquu gad gombifatu godhe. Hayyonni Oromoo diinaaf summii tahan kumaatamni kan silaa gaaddisa ABO guddicha jalatti hiriiranii raajii hojjechuu danda’an, dhaaba kana irraa abdii dhabanii mana manatti akka galan dirqe. Kanneen matayyaadhaan qabsootti jiranis akka gumaachi isaanii walitti gumaawee injifannoo jabaa fi murteessaa hin galmeessine danqe.

Haa tahuutii har’as taanaan ummanni Oromoo hogganoota gargar caccabuu aadeffatan irraa komii guddoo haa qabaatu malee, maqaa ‘ABO’ jedhu irraa abdii hin muranne, yoomuu hin muratus. Biyya keessattis tahee biyyoota alaatti alaabaa fi maqaa ABO akka kudhaamaatti fannifachuun mallattoo sabboonummaa Oromoonni ittiin diddaa sirna cunqursaa ibsatanii dha. Ilmaan Oromoo biyya keessaa diinaan hudha wal qabaa jiran alaabaa dhaaba kanaa sodaa tokko malee guyyuu diina dura afarsuudhaan ‘Abbaan Biyyaa ABO dha’ jechuun itti himaa jirani. Sabboontonni Oromoo matayyaadhaanis tahee gareedhaan diina irratti hojjetanii wayta dhiibbaa uuman hundumaa ‘isin ABO dha’ jedhamanii diina biratti abaaramuunis beekamaa dha. Jagnoonni sabaa kun hundi garuu miseensa ABO isa har’a bakka meeqatti cabee jiru kanaa tahaniif miti. Murna ala kanatti gargar caccabetu wal qoqqooda malee saba keenya biyya jiruu fi halagaa biratti dhalli quuqama Oromummaa qabu cuftuu ABO dha.

Kana fakkeenya muraasaan ibsuun ni danda’ama. Baqqalaa Garbaa fi jaallan isaa hogganoota OFC malee miseensota ABO miti. Garuu Wayyaaneen akka ABOtti yakkitee hiite. Jawar Mohammed bara 2013 keessa akka mataa isaatti Al Jazeeraa irratti wayta dubbate sabboonaa Oromoo tokko malee miseensa ABO gargar caccabee kana hin turre. Garuu Habashoonni ‘ONEG’ jedhanii hanga har’aattuu itti duulan. Leencoo Baatii ADO bakka bu’ee torbaan muraasa dura achuma Al Jazeeraa irratti wayta dhihaate akka qaama ABO tahetti Geetaachoo Raddaatiin itti dutame. Kan biraa hafnaan nama lammaffaa Blue Party kan ture Yoonaataan T. Raggaasaa Oromoo waan taheef qofa qeeqa quuqama Oromummaa of keessaa qabu waan katabeef ‘ONEG’ jedhamee mana hidhaa jira. Habashoota deeggartoota isaa turan birattis maqaa kanaan jibbameera. Kanaafuu har’a jaalatamus jibbamus sabboonummaan Oromummaa bifa kamiiyyuu ABOummaa dha. ABOn hoggana ititaa fi murtaa lolee lolchiisu haa dhabu malee maqaan isaa har’as akkuma odaa isaa dagaagaa dha. Maqaan isaa akka dagaagee bara baraan jiraatu kan godhe ammoo yoo xiqqaate hojii qabsoo baroota dabran keessan hojjetamaniin dhaloota qubee diinaaf hin sarmine horachuu isaa ti. Kanaafuu dhaloonni qubee kamuu hanga quuqama Oromummaa qabaatetti ABO dha.

Haa tahu malee isin kanneen har’a ABO natu hogganaa jira malee sii miti waliin jettanii gaaddisa tokko jalatti hiriiruu dadhabdan dhugaa guddaa kana waan hubattan hin fakkaatu. Injifannoo qabsoo dabreen horatametti abbaa tahuuf haqa qabaattanillee, injifannoo haaraa ummanni wayta ammaa isin irraa eegu galmeessitanii qabsicha boqonnaa itti aanutti ceesisuuf hiriiras tahee gahummaa jaarmayummaa abdachiisaa irra hin jirtan. Dhaaba umrii ganna 40 olii qabu kana boqonnaa itti aanutti ceesisuun hafnaan, bakka waggaa 15 dura turetti deebisuunuu waan hin yaadamne isinitti tahe. Yeroo ammaa qabsoon Oromoo gommaa dhaloota haaraatiin ofumaan of dura konkolaataa jira malee, qooda hogganummaa isin wayta ammaa kana tarree duraatti baatanii gumaachaa jirtaniini jechuun ulfaataa dha. Dhaloota guddisa ABO tahetu seenaa hojjechaa jira. ABOn akka maqaatti har’as sodaatamaa dha. Jabaatus laafus ummata isaa biratti mararfatamaa dha. Maqaan kun matuma isaatti qabsichaaf jaboo gumaachaa jira tahuyyuu, hogganoonni isaa gargar caccaban garuu guddinaa fi sansakkaa maqichaatiin wal gituun gonkumaa hin danda’amneef.

Jaallan keenya kabajamoo !

Yeroon keessa jirru kun gara tokkoon yeroo itti sagaleen Oromoo kan yoomiiyyuu caalaa sodaatamaa deemaa jiruu dha. Gama kaaniin ammoo yeroo itti diinni ‘tokkummaa hin qabani; jaarmayaa ititaa hanga hin qabnetti ofumaaf wacu malee homaa nun godhani’ jechuun nu tuffatee biyya keenya irratti nu salphisaa jiruu dha. Sagaleen Oromoo akka sodaatamaa deemu kan godhe sabboonummaan Oromoo daraaree sadarkaa murteessaa irra gahuu isaa ti. Ummata miliyoonaan dammaqee ‘kana booda hin bitamnu’ jechuun sodaa moohate qabaachuu dandeenyeerra. Kun injifannoo guddaa dha. Dhaabni keenya ABOn dhufa Wayyaanee dura Oromoo of irraanfatee fi wal wallaaleen ati Oromoo dha jedhee Oromummaa barsiisuuf yeroo dheeraa akka wareege isin jalaa dhokataa miti. Wareegamni qabsoo gaafasii sun har’a asheetee firii godhatee jira waan taheef qabsaayota gumaacha bara sanii keessaa qooda qabdan maraaf galataa fi ulfina olaanan qaba.

Haa tahu malee har’a akka hogganaatti eessa jirra jedhaa wal gaafadhaa. Jaarmayaa jabaa miliyoonota dammaqan kana hiriirsee seenaa hojjechuuf irree gahaa qabu ijaaruutti hin jirtani. Haala amma jirru keessatti osoo diinni raajii wayiitiin aangoo irraa bu’e jedhamee, caasaa ititaa Oromiyaa ittiin toyattan harkaa hin qabdani. ABOn dur bara dukkanaa sanayyuu Oromoo maraaf daaw’itii tahuutti beekama ture. Kan dhalli Oromoo kutaa kamiiyyuu isa keessatti of argu ture. Har’a wayta silaa sabboonummaan daraaree Oromiyaa waliin gahe kanatti jaarmayaalee har’a akka ABOtti of waamaa jirtanis tahee kanneen addatti baatanii maqaa haaraya moggaafattan keessatti sun hin mul’atu. Gariin keessan akka naannootti wal qoqqooduu fi wal irraa qoollifachuudhaan gurmooftanii dhagaa walitti darbaa jirtan.

Walumaa galatti haalli isin keessa jirtan qabsoo ummata keenyaa kan guyyaa guyyaatti lubbuu jagnoota meeqaa kitimaa deemaa jiru kana galiin gahuuf qooda hogganummaa quufsaa kennuu kan danda’aa jiruu miti. Sababni isaas :
1. Murna itti mataa taatan qabattanii walitti dhuftanii qabsoo saba guddaa dammaqe kanaa hogganuu ni dandeessuu fi hin dandeessanii keessanuu mariyachuuf of kennaa hin jirtani
2. Yeroo ummanni maaloo tokkoomaa nu gammachiisaa jedhee isin kadhatu miira an-caalinnaa (ego) mataa keessaniif dursa kennuu mannaa dantaa ummatichaaf gad of qabdanii tokkoomtanii waliin hojjechuuf garaa keessan irraa qophii agarsiisaa hin jirtani
3. Mirqaana deemsi qabsoo ummata keenyaa argamsiiseen onnattanii yookiis dhiibamtanii ‘gamtaa qabsoo tolfanne’ jettanii abdii sabaaf kennuu irraa kan hafe, waadaa saba duratti seentan san eessaan akka geessan hanga ammaa ifaa miti.
4. Odoma taheeyyuu ummanni keenya ABO tokkoomee surraa isaa guddicha kaleessaatti deebi’u arguu barbaada malee adda addummaa keessan qabattanii ‘gamtaa’, ‘tumsa’, ‘agoobara’ waan jedhamu qofatti quufee isin abdata jedhee an hin yaadu.
5. Isin warra baatii lama dura ‘gamtaa’ wayii jaarranne jedhee labsate keessaa ADO irraa kan hafe, warri kaan kaayyoo walabummaa Oromiyaatti amantu eega tahee, wanni walitti araarmtanii jaarmayaa keessanis hin tokkoomsineef ifaa miti.
6. Humna qabsichaa daranuu ol guddisuuf jecha, dhaloota haaraa haalaan qabsichaaf gumaachuutti jiru hunda waliin abbaa fi ilmaan taatanii waliin hojjechuu yookiis baallii hoggansa qabsoo walitti dabarsuuf of kenniinsi garii keessan irraa hin mul’atu. Gariin keessan dargaggoota Oromoo qaroo fageenya irraayis tahu qooda diinni itti hinaafu gumaachaa jiraniin boonuu fi ittiin dhaadachuu mannaa, akka masaanuutti yoo of irraa eeggattan taajjabaa jirra.
7. Dhaloota haaraa Oromoo hamilee fi hawwii takkittii waliin qabu gidduutti walshakkii uumuudhaan garii maqaa ‘Qeerroo Bilisummaa’ jedhuun of jalatti iggittanii daandii qoodamiinsa keessanii akka dhaaluu fi sabboontota laalcha keessan qeeqan akka diinaatti hubachuun joolleen akka wal irratti duultu gochuuf wanni hojjechaa jirtan hegeree tokkummaa qabsaayota Oromoo irratti balaa ulfaataa farrisaa jira.

Kanaafuu yeroo murteessaa kana keessatti haala yaaddessaa jiru kana furuuf dhaamsa armaan gadiin qaba :

1. Kanneen qaama ABO turtan, amma illee taatan fi maqaa ABOs tahee maqaa biraa moggaafattanii kaayyoo walfakkaataadhaan hiriirtanii argamtan cuftuu, miira an-caalinnaa keessan of duuba qabuun saba hoggansa gahaa malee sosso’ee bilisummaa isaaf lubbuu gumaachaa jiru kanaaf dursa kennaatii tokkummaa jaarmayaa uumuuf dhiibbaa ifaa walirratti godhaa.
2. ABOn har’a Oromoo miliyoona 40 hogganee galii qabsoo isaatiin gahuu danda’u kan amma caccabee bakka meeqa bu’e kana tahuu hin danda’u. Kana dhiisaatii kan ganna 15 dura tokkummaadhaan beekamu saniyyuu daran gateettii bal’aa fi irree irra-jabaa kan horate tahuutu irraa eegama. Isin warri wal irraa deemtan kun walitti deebitanii tokkoomuu qofayyuu odoo hin taane, gatiittii irra bal’aa fi irree irra jabaa diina cabsu akkasii san horachuun dirqama akka tahe yeroodhaan hubadhaa wal hubachiisaa.
3. Qabsoon saba kamiiyyuu dhaloota haaraa qaroo ol dhufaa jiru harka bal’isee yoo ofitti hin hammanne itti fufiinsa amansiisaa hin qabaatu. Kanaafuu hogganoonni ABO murna murnatti baatanii jirtan dhugaa kana hubachuudhaan dargaggoota keenya qaroo biyya keessattis tahee ala taa’anii seenaa diinniyyuu raajeffate hojjechaa jiraniif dinqisiifannoo, abdannoo fi mararfannoo abbummaa qabaadhaafii. Dargaggoota Oromoo har’a seenaa hojjechaa jiran qaqqaalii qabna. Gariin isaanii kan Tigrootaa fi Amaaronni illee ‘dhalli akkasii silaa nu keessaa argamee maal qaba’ jedhanii itti hinaafaa jiran faa dha. Isaan kun ilmaanuma keessani. Guddisuma keessani malee dhala alagaa isin balleessuuf dhufaa jiruu miti. Kanaafuu sodaa, shakkii fi hinaaffaa ilmaan guddisa keessanii kana irratti dogoggoraan horattan yoo qabaattan hatattamaan akka sirreeffattan, joollee tana keessaa kan dogoggora irratti argitan yoo jiraatanillee mooyxannoo kuuffattan keessaa isa jaaraa tahe dhaalchisuun gorsa abbummaatiin kunuunstanii baallii hoggansa qabsoo itti dabarsuuf akka of qopheessitanin dhaama.
4. Waldhibdee dhunfaa yookiin wal jala yaa’uu dadhabuu walii keessan gidduutti qabdan dhukkubsachiisuuf jecha dhaloota haaraa garii ofitti hammattanii garii of irraa eeggachuu kana irraa akka jabeessitanii of qusattanin hawwa. Wal diddaan walii keessan gidduutti qabdan isinuma irratti haa raaw’atu. Balaa isiniin dhufee qabsoo Oromooyyuu gaaga’e kana dhaloota haaraaf dhaalchiftanii dargaggoo Oromoo kaayyoo fi hawwii takkittii waliin qaban gidduutti garaagarummaa kan uumtan yoo tahe gaafatamaa seenaa jalaa hin baatani.

Maayyii irratti waan tokkon jedha. An nama umriin kiyya ganna 40 seenee jiruu dha. Umriin koo umrii ABO ti. Kanaanis gammachuutu natti dhagahama. Dhalootni koo dhaloota abbootii kan ABO bu’uuressee hogganaa asiin gahee fi dhaloota qubee gidduutti akka riqichaatti kan argamuu dha. Hawwiin koo guddaan dhaloota kana lamaan kan akka abbaa fi ilmaatti wal dhagahuu fi baallii wal harkaa fuudhu arguu dha. Hawwii koo kana dhugoomsuuf jechas bara 2012- 2014tti osoman qaama hoggana ABO tahee Asmaraa jiruu yaaliin matayyaadhaan godhaa turen qaba. Hoggana olaanaa dhaaban waliin ture sanii fi dhaloota qubee qaroo hanga’ee mul’achaa jiru gidduutti hariiroo abbaa fi ilmummaa uumuuf hedduun tattaafadhe. Qaama walirraa qoollifatan kana lamaan gidduutti riqicha tahee wal qunnamsiisuu fi dhimma qabsichaa irratti akka itti waliin hojjetamuu qabu irratti maryachiisaan ture. Yaaliin koo abdii gaarii agarsiisaa deemullee maayyii irratti hin milkoofne. Qaaman waliin ture irraa akkan abdii kutadhu kan na godhe guddaanis isa kana yoon jedhe arraba nan quuqu. Xalayaa banaa kanaanis wantin hogganootatti dhaammachuu barbaadu guddaan, abbootiin onnee keessan banaa gootanii ilmaan teessan qaroo dandeettii abdachiisaa agarsiisaa jirtu hundumaa loogii tokko malee hammattanii ilaa fi ilaameedhaan akka waliin maryattanii dha.

Injifannoo Ummata Oromoof!

Boruu Barraaqaa
Dubbataa ABO duraanii

Advertisements

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s