Oromiyaa:Naannoo Magaalaa Guddaa Hinqabne

Kan Barreesse : Abdii Maty

Magaalaa guddaan biyya tokkoofis ta’e naannoo tokkoof guddina siyaas dinagdee, afaan fi hawwaasummaa sabaa guddisuuf barbaachisaadha. Itiyoophiyaa keessatti bara 1991 booda sabaaf sablammiin biyyattii mirga ofiin of bulchuu erga argataniin booda naannoo isaaniitti magaalaa giddu gala siyaasaa fi hawwaas-diinagdee isaanii calaqisiiftu filatanii guddinni qabatamaan hedduunis magaalota isaanii irratti muul’achuun isaa ragaa qabatamaadha.

Uumama magaalotaatiif; giddu galli daldalaa, iddoo waaqeffanna, walitti hidhamiinsa qomoo, seenaan hawwaasni naannicha waliin qabu fi filannoo mootummaa ykn bulchiinsa naannichaa sababa ta’uu danda’u. Gama biroon itti dhiyeenyi bu’uuralee jireenyaaf barbaachisanii kanneen akka bishaanii, geejiba, hala teessuma lafaa fi haalli qilleensaas daran murteessadha.

Naannoleen salgan biyya keenyatti argaman hundi magaala mataa isaanii erga bu’uureffataniin booda guddina qabatamaa hedduu akka argisiisan akkasumas guyya guyyaatti argisiisa akka jiran namni carraa argatee baroota adda addaa keessatti daawwate bal’inaan ibsuu danda’a. Naannoleen magaalaa mataa isaanii qabaachuun siyaasa, diinagdee, hawwaasummaafi dhiyeessi bu’uraalee jireenya barbaachisoo akka argataniif daran isan gargaareera.

Naannoolee biyya keenya keessatti argaman maraa keessa naannoon magaalaa guddaa hin qabne naannoo Oromiyaati yoo jenne soba miti. Magaalota hundaa naannolee adda addaa keessatti afaan hojiifi afaan bal’inaan dubbatamu afaan uummata naannichaati. Hanga ammaatti namni kallattiidhaan dhugaadhumatti magaalaan Oromoodhaaf handhuura taate kami jedhee gaafate yookaan gaaffii kana kallattiii hundee gadi fagoo qabuun kaase waan jiru natti hin fakkaatu. Namootni hedduun magaalaan guddittiin Oromiyaa Finfinnee dha jechuu danda’u. Haa ta’u malee, dhugumatti Finfinneen maqaaf yoo ta’e malee magaalaa guddittii Oromiyaati?

Finfinnee mitii magaalotumti xixiqqoon Oromiyaa keessatti argaman dhibbantaa 80 ol eenyummaa Oromummaa hin calaqisiisan. Magaalotni hedduun Oromiyaa keessatti argaman Nagallee, Asallaa, Jimmaa, Adaamaa, Shashamannee, Mattuu, Harar, Dirre Dhawaa, Naqamte, Bedellee, Adaabbaa, Roobe fi kkf’n afaan isaan ittiin waliif galan afaan Amaarati.

Hundeeffama ishee irraa kaaftee fedhi uummata Oromootiin Finfinneen akka hin hundeeffamne saba Oromootiif ifa galaadha. Magaalaan Finfinnee fedhii uummata naannichaa ykn abba biyyichaa giddu gala godhachuun hundeeffamuu dhabuun’ eenyumaa isheen har’a calaqisiiftuu; afaan, seenaa, faca’iinsa hawwaasa( demography) akkasumas amantii isheen hordoftu akka fakkeenyaatti fudhachuu dandeenya. Finfinneen, Oromiyaa keessatti argamtus ulaagaa fi amala magaalaa gudditti Oromiyaa ishee gochuu danda’u tokko illee hin qabdu; akka qabaatuufis hojiin hojjetame tokko illee hin jiru.

Giddu gala siyaas-diinagdee fi hawwaasummaa dhabuun uummata keenya kallatti hedduun akka inni midhaa jiru meeqan keenyatu quba qaba laata? Sabni bal’aan kun magaala bakka isa bu’uuf isa calaqisiisu dhabuun kallattii hedduun rakkina qabatamaa hedduu kaasuu dandeenya.

1. Abbootiin qabeenyaa Oromoo waliin ta’uun hojii aksiyoonii babl’aa uumuu akka hin dandeenye sababa ta’eera
2. Oromootni godinaalee Oromiyaa addaa addaa keessa jiraatan wal irraa fagaatanii akka hafan sababa ta’eera.
3. Adda addummaan ilaalchaa xixiqqaan jiru waltajji tokkummaan walitti dhufanii mari’atan dhibuu isaa irraa kan ka’e yeroo dheeraaf osoo hin hiikamin akka jiraatan sababa ta’eera.
4. Afaan Oromoo sadarkaa guddinaa barbaachisu irra akka hin geenye gufuu ta’eera. Kana jechuun afaan Oromoo har’a ifajjii fi wareegama hedduun guddachaa jiru osoo naannoo bal’inaan uummatni Oromoo godina hundaa irraa walitti dhufe keessa jiraatu argate xinqooqaa isaafis ta’e maxxansaalee adda addaa kannneen akka gaazexaa, asoosama fi al-asoosamni barreefaman bali’innaan dubbifamuu danda’u barreesitootafis gabaa bal’aa ta’uudhan hamilee barreessuu isaani kakkaasuuf gumaacha ol-aanaa taphachuu danda’a ture.
5. Sochii fincila diddaa garbummaa uummatichi godhu deggeruun dhibbaa siyaas-diinagdee jabaa mootummaa irraan ga’uun akka hin danda’amne taasisee jira. Kunneen fakkeenyaaf  kanneen caqafamaniidha.

Rakkoowwaan kana irratti hunda’uun uummatni, beektotni, miidiyaaleen addaa adda ilmaan sabichaatiin hundeefamanii fi jarmiyaaleen siyaasaa Oromoo marti rakkoo kana hatattamaan waltajjii mariitti fiduudhaan uummmatni kun bifa inni ittiin giddu gala siyaas diinagdee akkasumas hawwaasummaa jabaataa qabaachuu danda’u irratti kallatti dhawachuun daran barbaachisaadha jedheen amana. Kanumaan walqabsiisee yaadota armaan gadii akka ka’umsaatti kaasuun fedha:
1. Daran barbaachisummaa magaalaa guddaa hubachuun uummatni keenya kallattiii hundaan haala itti magaalota gurguddoo naannoo keenya keessatti argaman Finfinnee dabalate dhunfachuu dandeenyu irratti qorannoo, marii fi toftaa adda adda gad fageenyaan dhiyeessuun barbaachisaadha.
2. Mootummaa naannoo fi biyya bulchaa jiru irraatti dhibbaa jabaa gochuun gaaffi fininsuu.
3. Dhimmi kun kallatti danda’ame hundaan qalbii uummata Oromoo hundaa bira akka ga’uuf midiyaalee argaman hundaatti fayyadamuun barreessu, dubbachuu fi dhadheessu
4. Fincila Xumura Garbummaa (FXG) godhamaa jiru keessatti akka gaaffi ijoo tokkotti qabatamee irratti hojjetamuun kanneen fala ta’u jedhee amanuudha.

Advertisements

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s