CINAA QAAMA KEENYAA OROMOO MATAKKAL HAA YAADANNU , KUTAA 1FFAA

Obbo Boruu Barraaqaatiin

Oromoonni Matakkal gosa Oromoo Maccaa jalatti beekamu. Kufaatii Dargii dura kutaa Gojjaam keessatti waamamuu turani. Yeroo ammaa ammoo Naannoo Bulchiinsa Beenishaangul jalatti bulaa jirani. Akka qorannoon seenaa manguddoota Oromoo naannoo kanaa irraa sassaabame ibsutti, akkaataan qubsuma ummata keneya kanaa bifa lama kan hordofe ture. Kan duraa gama Baha Wallaggaa irraan Dangab yookiin Dibaax naannoo jedhamu kan qubatanii dha. Kan lammaffaa ammoo gama Dhiha Wallaggaa lafoota akka Najjoo, Gidaamii, Muggii, Boojji fi Sibuu irraa laga Abbayyaa cehanii bakka amma Wanbaraa jedhamu kan qubatani. Kun kan tahe jaarraa 16ffaa yeroo itti Oromoon daga isaa duraan halagootaan qabatamee ture deebisee toyachuuf bal’inaan sosso’aa ture san irraa eegaleeti jedhama.

Oromoonni yeroo ammaa bulchiinsa naannoo Benishaangul Gumuz jalatti bulaa jiran miidhaan sabummaa irra gahaa jiraachuu dubbatu. Akka fakkeenyaatti rakkoolee gurguddoo ummatni Waanbaraa himachaa jiru haa laallu.
Akka dargaggoonni Oromoo naannoo kana keessatti dhalatanii hiree barnoota olaanaa argatan qorannoo geggeessanitti, yeroo ammaatti akka Oromootti jiraachuun Oromoota Waanbaraa gaaffii keessa galee jira. Kana kan nama jechisisu keessa qabxilee muummee ta’an tokko tokko tuqun barbaachisaa dha. Isaanis:
• Jaarroleen biyyaa bara 1987 hanga Finfinneetti dhufanii waa’ee Oromoon mirga dhabuu iyyatanillee hiika hin arganne;
• Bara 1986 waraanni irratti banamee namootni heeddun dhumaniiru, manni gubateera, qabeenyis barbadaa’ee jira;
• Namni 30 Naqamteetti ergamani Afaan Oromoon leenjii barsiisummaa argatanii yoo deebi’anis ‘Kun biyya Oromoo miti, yoo barbaaddan biyya isaa dhaqaa barsiisaa, kanaan achi yoo waan biraan leenjii keessan hin fooyyessitan ta’e Afaan Oromootiin hojii hin argattan’ jedhamanii waan baratan gatii akka dhabu godhamee jira;
• Uummatni martinuu yeroo saba isaatiin gurmaa’u Oromoon dhorkamee jira. Qaama Dh.D.U O irraa namootni Oromoota Waanbaraa gurmeessuuf dhufan qaama aanaa kanaan ari’amanii tarkaanfiin tokkoyyuu hin fudhatamne;
• Oromoon dhaloota biyyaa ti malee abbaa biyyaa miti (ye haager tewallajji injii ye haager baale beet ayidellem) jechuudhaan erga abbaan biyyaa argaate dhuftuun (maxxee) irratti dhalatte ammo argatti jechuun ijoolleen Oromoo carraa barnoonta ol aanaa fi hojii akka hin arganne balballi itti cufameera. Haala adda addaan utuu sabummaan isaanii hin beekamin yoo miliqanii keessa darbanis guddina akka hin arganne godhamuudhaan gocha Afriikaa Kibbaa durii waliin wal fakkaatu naanichaan raawwatamaa jira;
• Mirga hawaasaa fi siyaasaan alas gama dinagdee fi haaqa seeraan loogiin hojjetamu Oromummaa Oromoota aanaa kanaa irratti dhiibba guddaa gochaa jira.
• Ijoolleen Oromoo filmaata dhaban Oromummaa isaanii jijjiiranii Sinishuummaatti galmaa’uudhaan hojii argachuuf dirqamaa jiru. Kunis uummaticha haasofsiisuun kan mirkanaa’uu danda’amuu dha; akkasumas,
Uummatni Oromoo baayyinni isaa akka lakkoofsa bara 1984tti (A.L.A) koonyaa Matakkalaa harra zoonii ta’e keessatti 55,501 ture, yeroo lakkoofsa bara 1994 (A.L.A)tti waggaa 10 keessatti 3,332 qofa dabaluun 58,833 qofaa ta’ee jira. Kunumtuu yeroo akka Goojjamitti bara 1984 (A.L.A) lakkaa’ame kan Oromootin zooniilee Kamaashii fi Asoosaa itti hin dabalamin 55,501 ture. Kun akkamittiin gurmuudhaan kan Oromoo Waanbaraa caalan Oromootni zooniilee lamaa itti dabalamaanii haala baayyinni uummataa Itiyoophiiyaa keessaa itti dabalaa ture % 2.9 tiin kan Oromoo Benishaangul gumuz keessa jiruu garuu kana duwwaa ta’e gaaffiin jedhu deebii hin arganne.
Ummatni Sinichoo duris ammas zooniidhuma Matakkalaa aanaaleedhuma durii sadan armaan olitti eeraman keessa qofa jiratu. Garuu lakkoofsa bara 1984tiin (A.L.A) 17,840 ture irraa bara 1994 (A.L.A) waggaa kudhan keessatti 14,265 dabaluudhaan gara 32,105tti ol guddachuun isaanii lakkoofsi Oromoo garuu akka gadi qabamu loogiin godhamuu isaa sirriitti mul’isa. Utuu dhugaadhaan %2.9 tiinuu shallagamee (projection) Oromoon Zoonii Matakkalaa utuu warra zoonii kaaniiyyuu hin dabalatin gara 74,588tti, kan Sinichoos gara 32,105tti utuu hin ta’in gara 23,975tti guddata ture. Amma garuu kan mullatu Oromoon waggaa kudhan keesaa % 1 gadiin, Sinichoon ammoo % 6 tiin akka dabalaniidha. Kun ammo kan dhugaa irraa baayyee fagaatee ta’uun isaa ifa.

Kutaa 2ffaa barruu kanaa keessatti furmaata malu irratti xiyyeeffanna.

Maddeen odeeffannoo
• Manguddoota biyyaa naannichaa
• Waraqaa qorannoo eebbaa (dissertation) barattoota Oromoo dhalootaan naannoo sanii
• Wikopedia
• Central Statistical Agency of Ethiopia

Dura kan Maxxane ture Oromia Online gubbaatti.

Advertisements

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s