Ogeessa Information Technology kan ta’e, Abdiisaa Beencaa Jaarra, komaandi poostiitiin akka qabame dubbatamaa jira

Ogeessaa Information Technology fi dizaayinara moosaajii (software) kan ta’eefi Afaan Oromoo afaan teeknoolojii akka ta’u hojii gurguddaa hojjechaa kan ture, Abdiisaa Beencaa Jaarra, komaandii poostiin guyyaa hara’a akka qabame gabaafmeera. Abdiisaan eessaa akka jiruufi haala akkamiira akka jiru hin beekamne.

Mootummaan Itoophiyaa, erga labsii hatattamaa (state of emergency) labse asi Oromoota kuma 50 ol qabuun, kaamppii waraanaa adda addaatti dararaa akka jiru ni beekama. Mootummaan Itoophiyaa, Adda Bilisa Baasaa Uummata Tigraayiin durfamu, miidiyaa ofii to’atuun namoota kuma 11 ol akka to’anna jala oolan beeksiseera.

Abdiisaa Beencaa Jaarraa eenyu?  ( Beekan Gulummaa Irrenaa tiin akka barreeffametti)

Abdiisaan Ogeessa koompiwutaraa (IT Specialist/Programmer/App Developer) yommuu ta’u, Barnoota koompiwuutaraatiin (Information Technology) dhaan xumura bara 2013, Yuunbaristii Haramayaa irraa eebbifame. Hojiisaarraa ka’uun namootni hedduu Abdiisabaa jedhuun. Abdiisaan eebbasaa booda boqannaaf gara maatiisaa kan deeme yoo ta’u turtii ji’alamaa booda Kaampaniin Moosajii(Software Company) kan lammummaan isaa nama USA tokko hojiidhaaf yaame. Abdiisaan gaaf sanarraa kaasee dhimma jireenya dhuunfaa lafa kaayee, saba kootiif maal gumaacha,Ogummaa kootiin maal fayyada, yaada jedhutti seene.

Kanaanis namoota naannotti argu keessattuu magaalaa Finfinnee fi namoota sab-qunnamtiilee hawaasummaa garagaraa irratti hirmmatan ilaaluun Rakkoolee namootni heddu Afaan Oromoo irratti qaban (dubbisuu, dubbachuu fi barreessuun) jiraachuu hubate. Abdiisaan hubatee qofa hin dhiifne; kun sababa maaliitiif waan jedhus xiinxalle. Xiinxalla kanaanis namootni irra caalaan rakkinna dhuunfaa osoo hin taane rakkoolee iddoo itti baratan dhabuu, wantarraa baratan dhabuu (Resource accessiblity) akka ta’e hubate. Kunis, Gabaabbinnan Afaan kana iddoo fi saa’aa barbaadanitti argachuun akka hin danda’amne kan bare Abdiisaan furmaatni maal jedhee of gaafate.

Haala kanaan dhaadannoo “Afaan Oromoo afaan saayinsii fi teekinoolojii haa taasifnu.” jedhuun as bahe. Kanumarraa ka’uun yeroo gabaabatti namootni biyyoota garagaraa jiraatan fayyaduu akka danda’anitti yaadee hojiilee armaan gadii kanneen gad baasuu eegale:

  1. Fayyadamaa Mobaayilaa(Mobile App) maqaa “Afaan Oromoo Baradhaa” jedhuun Google Play Store irratti gad lakkise. Fayyadamaan(Appn) kun seerluga Afaan Oromoo kan barsiisu yommuu ta’u qabiyyee boqonnaa torba( Qubee A,B, C… irraa kaasee hanga Sirna Tuqaaleetti) kan of keessaa qabuudha.
  2. Ammas osoo hin turin Fayyadamaa Mobaayilaa(Mobile App) maqaa “Qubee Afaan Oromoo Sagaleen.” jedhu gad lakkisuun Hawaasni addunyaa guuturra jirtan daa’imarraa hanga guddatti jalqabarraa kaasaa baradhaa, amma booda Afaan Oromoo iddoon itti baradhu dhabe namni jedhu akka hin jiraanne jedhe Abdiisaan.
  3. Abdiisaan Sab-qunnamtii hawaasummaa irrattis keessattii Facebook Gubbatti Garee “Afaan Oromoo Haa guddifnu! ” jedhu ijaaree kan miseensa namoota 8000 ol qabu irratti guyyaa guyyaan Qubee irraa eegalee dhimmi guddinni Afaan Oromoo yeroo hunda kan irratti barsiifamu too’achaa jira.
  4. Hawaasni addunyaa garagaraa Abdiisaa wajjiin walbaruu jalqaban, Gaafiin barnoota Afaan Oromoo nu barsiisuu qabda jedhu hedduumachaa dhufe. Abdiisaan tole jedhee fudhate, Garee Whatsup “Afaan Oromoo Haaguddifnu!” jedhu uume Barnoota Afaan Oromoo Qubeerraa jalqabuun barsiisutti seene. Gareen kun yeroo muraasatti miseensa hanga nama dhibbaa horate. Abdiisaan rakkoolee fi bu’aa ba’ii jireenya dhuunfaa dagatee barnoota kanarratti xiyyeeffatee ji’a 4-5tti miseensotni garee kanaa. Haala kanaan turtii ji’a 4-5 keessatti miseensotni garee kanaa dubbisuu, barreessuu, dubbachuuf dubbisuu xumuran. Kanaanis Abdiisaan hojii boonsaa hojjate Miseensa Gammachiise.
  5. Ammas itti fufuun Abdiisaan wanta murteessaa fi barbaachisaadha jedhe torbaanuma keessa jirru kana Fayyadamaa Moobaayilaa(Mobile App) maqaa “Jechoota Hayyoota Oromoo” jedhu kan jechoota hayyoota 80 ol of keessaa qabu kinoo gad lakkisee jira.
  6. Maal kana qofa Abdiisaan Hojii ijoo tokko qabatee dhufeera. Innis dhaadannoo ganamaa tan “Afaan Oromoo Afaan saayinsiif teekinoolojii haa taasifnu!” jettu sana gara “Dhimma keenyaaf teenyee nama biraa eeguun salphina!” jedhutti jijjiirrun dhimma guddina Afaan Oromoo irratti sochii garagaraa gochuu irraan darbee dargaggoota heddu kakaaseera, bu’uura afaan kanaa lafa kaayuu qabna jedhee bu’aa bahii heddu ce’ee bahaa ture, kanaanis garee adda addaa lama ijaaree jalaa jigus/ bittannooftus, har’a garee sadaffaa maqaa “Qubee Technologies” jedhuun kan miseensa dargaggoota sha(5) of keessaa qabu ijaaree hojitti seenanii jiru.

Kaayyoon Gurguddoon Garee kanaa:

  1. Afaan Oromoo iddoo fi yeroo barbaadametti argachuuf akka danda’amu gochuu, itti fayyadamsiisuu, hordofuuf too’achuu.
  2. Afaan Oromoo bifa barbaadameen:
    1. Suur-sagaleen barsiisuu(Video tutorial)
    2. Barreeffamaan barsiisuu(Written tutorial)
    3. Fayyadamaa Moobaayilaatin(Monbile App)
    4. Aadaa nyaataa, uffannaa, ayyaanaa fi kkf Oromiyaa naannolee garagaraatti argaman qorachuuf ifa baasuu
    5. Waaltina Jechoota Afaan Oromoo irratti hojjachuu
    6. Mosajiilee(softwares) adda addaa afaan kanarratti hojjachuu
  3. Dogoggora asiin dura ture kanneen barreeffamaan Google irra jiran sirreessuu, Hedduun kan oli hin kuufamin waan ta’eef olkuusuu.

Haala kanaan Abdiisaan guddina Afaan Oromoo keessatti gahee seena qabeessa hojjachaa kan jiruu fi gara fuulduratti hojii boonsaa saba isaatiif lafa buusuu akka danda’u ibsaa, Abdiisaan yeroo ammaa kanas bifa alkallattiidhaan Guddina Aartii adda addaa keessattis hirmaannaa akka “Graphics design adda addaa, promotion design adda addaa fi Design Uffataarratti hirmaachuun gahee isaa bahaa jira.

Abdiisaan ykn Abdiisabaa gara fuulduraatti Kaampanii dhuunfaa ofii banatee hawaasa isaas tajaajilaa jiraanya ofiis gaggeessu abjochaa jira.

Dhumarratti Ogeessi dhamaatii adda addaa keessa darbee sabaaf jiraachaa jiru kun, jiraachuuf jecha guyyaa hojii Mootumaatti dadhabaa oolee, halkanimmoo hirribasaa dhiisee sabasaatiif jiraachaa akka jiruufi dadhabbii kana hunda tajaajila Bilisaatiin hojjachaa jiraachuu ykn hojiilee akkanatti itti dadhabe ykn dadhabaa jiru kanaf galiin argate akka hin jirre hubadha.

 

Advertisements

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s