Gabaasa Human Rights Watch kan bara 2016 Itoophiyaa ilaalchisee baasee Afaan Oromootiin

Naannoo guddicha Itiyoopiyaa – Oromiyaa guutuu keessatti Sadaasa bara 2015 eegalee akkasumas naanoo Amaaraatti Adoleessa bara 2016 eegale hirironni gurguddoofi hin eegamne godhamaniiru. Humnoonni tikaaa mootummaa Itoophiyaa haleellaa humnaa hiriirota baayyinaan nagaa turan irratti fudhataniin lubbuu namoota 500 olii galaafataniiru.

Gaafa Onkolooleessa 2 naannoo Oromiyaa magaala Bushooftuutti namoota ayyaana Irreechaa kabajuuf walitti qabaman irratti humnootni tika mootummaa dhukaasaa yeroo bananiifi boombi imimmeessu tuuta ummataatti yeroo darbatan namootni rifatanii baqatan walirra deemuudhan hallayyaatti nam’anii dhumaniiru. Daragaggeeyyin dhumaati Irreechaatin aaran gamoole mootummafi qabeenya dhunfaa tokko tokko irratti tarkaanfi barbadeessu fudhannaan mootummaan gaafa Onkoloolessa 9 labsi yeroo muddamaa garmalee nama ukkamsuu kan ji’oottan 6f turu labse. Labsiin yeroo muddama kun gochoota heeddu haala ifa hin taaneen dhorkuurra darbee mirga yaada ofii bilisaan ibsachuu, mirga gurmaayuufi hiriira nagaa bayuu dhorkeera. Qajeelfamni labsii sana booda bayes tooftaale hunootni tikaa duriyyuu ittiin mirga namaa dhiitaa turan kan akka ajaja mana murtii malee lammilee hidhuufa seera qabeessa godheera.

Hiriironnii mormii kun kan gaggeeffaman haala qaawwaan siyaasa tokkoole hin jirre keessatti ture. Paartiin biyya bulchu teesso paarlaama biyyatti 100% dhuunfatee jira. Dhaabbileen siivikiifi midiyaaleen walabaas bilisaan akka hin hojjanne godhamaniiru. Namoonni ifatti mootummaa hin deeggarre ajaja mana murtii malee nihidhamu, nireebamu.

Itoophiyaan looltoota ishee qama Ergama Gamtaa Afrikaa (AMISOMii) goote gara Somaaliyaatti nibobbaafti. Bara 2016 humna ‘poolisii addaa’ kan furguggifame lolus humna waraana isheetti dabaluun gara Somaliyaatti akka ergite gabaafame ture. Adoolessa bara 2016 humnootni tikaa Itoophiya kan towanno AMISOM jala hin turre yeroo haleella AL-shebaab irratti fudhatan namoota nagaa 14 naanno Beeyiiti ajjeesaniiru. (Boqonnaa Somaliyaa dubbisaa)

Bilisaan walgayuu

Bara 2016 karoorri mootummaan daangaa magaala guddittii Finffinne gara naannoo Oromiyaatti baldhisuuf baasee mormii kutaa Oromiyaa mara waliin gaye kaasee ture. Humnootni tikaa mootummaas mormitoota irratti halellaa cimaa raawwatan. Yaaddon mormitoota karoorri maqaa ‘misooma qindaawa Finfinneefi naannoshe’ jedhamu kun akkuma waggoottan kurnan darban ta’aa turetti qotee bultoota Oromoo lafa isaniira buqqusuuf deema jechuun ture. Ji’a Amajjii bara 2016 Mootummaan karoora guddaa Finfinne mormii kaase kana haqeera jedhus uummanni hin amanne. Sababiin isaammoo mootummichi waadaa seenaa ture hedduusa cabsuun waan beekamuufi. Mormitoonni komee waggoottan kurnan hedduufi haleella humnaa dogoggooraa kan humnootni tikaa fudhatan mormaa turan. Mormitoonni iddo tokko tokkotti badii akka geessisan gabaasni muraasni ni agarsiisu. Garuu bakka baayyeetti mormii isaanii karaa nagaatiin dhageessisaa turan. Ebilaafi Caamsa bara 2014s mormiin walfakkatuufi haleellan humnoota tikaa walfakkaatu fudhatamanii turan.

Yeroo mormiin kun adeemsifamaa ture humnootni tika mootumma Itoophiyaa barattoota kuma kurnaniin lakkaayaman, barsiisota, miseensota paartilee mormituu, hojjattoota fayyaa akkasumas namoota ijoolle poolisii jalaa baqataniif dawoo kennan ykn gargaaran gara mana hidhaattii guuraniiru. Baayyeen namoota hidhamanii turanii hiikamanus namoonni lakkofsi isaanii hin beekamne gargaarsa seeraaffi daawwii maatii malee osoo himanni tokko irratti hin banamiin haga yoonaa mana hidhaa tursiifamaniiru. Hoggannoonni paartilee seeraan galmaayanii socho’anii kan akka paartii Kongirasi Federaalistii Oromoofaa labsii farra shororkeessumaan himatamanii mana hidhaati guuramaniiru. Qabsoo lola-malee jabeessanii barsiisaa kan turan itti aanaa dura taa’aa KFO dabalate hogganoonni marti shorrorkeessuman himatamanii hidhamaniiru.

Ji’a Adoolessaa keessa hidhamuu miseensota komitee eenyumma walqaayit sababeefachuun mormiin gara naannoo Amaarattis babaldhateera. Komiteen kun rakkina daangaa bulchiinsa yeroo dheeraf deebii hin arganne furuuf garee socho’aa turaniidha. Xiyyeeffannoon mormitoota naannoo Amaaraa inni guddaan walcaalmaa hirmaannaa aangoofi dinagdee biyyatti kan warra mootummicha deeggaran addatti fayyadu irratti mormii dhageessisuu ture. Hagayya 6 fi 7 qofatti humnootni tikaa mootumma naanno Oromiyaafi Amaara keessatti namoota 100 ol ajjeesaniiru. Magaala Baahirdaar qofa keessatti namoota 30tu ajjeefame. Magaalli Bahirdaar magaalota mormii uummanni garmalee guddaan irratti hirmaate keessumeessan keessa ishee tokko turte. Naanno Amaaraa guutuu keessatti ummata heddumminaan akka hidhanis gabaafameera.

Naannoo Ummatoota Kibbaa zoonii koonsootti mormii uummanni naannoo koonsoo daangaa bulchiinsa irratti kaase ukkaamsuuf humnootni tikaa mootummaa Itoophiyaa dhalattoota Koonsoo kurnaniin lakkaayaman ajjeesaniiru.

Mootummaan komee mormitoota naannoo Oromiyaa, Amaaraafi Koonsoo irraa ka’e sirnaan deebisuuf fedhii takkallee hin agarsiisne. Inumaayyuu tasgabbii boorayeef sababa kan ta’an dhabamuu bulchiinsa gaariifi hoji dhabdummaa dargaaggootu humnoota alaan garmalee hoo’ifame jedhuun komicha qaama alaatti naanneessan.

Mootummaan ajjeechaa naannoo Oromiyaa, Amaaraafi Koonsootti raawwate sirnaan qorachuuf fedhi takkallee hin agarsiifne. Qaamaa mootummaa kan ta’e komishiniin mirga namoomaa Itoophiyaa Waxabajjii darbee gabaasa paarlaama biyyattiif dhiyeessan keessatti humni humnootni tika mootummaa fayyadaman balaa mormitoonni poolisootarraan gayaniin walbira qabamee yoo ilaalamu humna walmadaalawa fayyadaman jechuun gabaasaniiru. Ragooleen ifatti jiran garuu faallaa gabaasa kanaa agarsiisu.

Labsiin muddamaa Onkolooleesa baye mormii mootumman hin hayyamne mara dhorkeera. Naanoo koomandi poostin murteesse mara keessatti hanga labsiin muddama kun hin kaanetti ajaja mana murtii malee akka fedhanitti nama hidhuus hayyameera.

Poolisiin addaa naannoo somaalee lola adda bilisa baasa Ogaaden (ONLF) waliin gochaa jiru keessatti dhiitta mirga nammooma garmalee guddaa raawwataa jira. Namoota ONLF gargaaru ykn leellisu jedhamanii shakkaman murtoo seeraa malee ajjeesuun, seera malee hidhuufi reebuun gabaafamaa ture. Maatiin namoota daawwanna pirezidaantiin bulchiinsa naanno Somaale Abdii Illey Meelboorn, Awustiraaliyaatti Waxabajjii 12 mormanii Itoophiyaati hidhamaniiru.

Bilisaan yaada ofii ibsachuufi ijaaramuu

Miidiyaan biyyatti ammallee towannoo mootumma jalaa hin kan hin baane dha. Inumayyuu labsii muddama dhuma bara 2016 bayeen towannoon mootumma garmalee itti jabaateera. Kanarra kan ka’e filannoon gaazexeessitoota biyyatti bayyee ofumaa of-dhorkuu ykn reebamuu ykn hid*hamuu ykn biyya baqatanii baduu qofa ta’ee jira. Erga bara 2010 as yoo xinnatee gaazexeessitooni 75 biyya gadhiisani baqataniiru. Gaazexeessitoota doorsissun alattis toftaan mootumman ittin miidiyaa walabaa dangeessu maneen maxxansaa, maxxanssitootafi raabsitoota kiyeesuufaa dabalata.

Gaazexeessitoonni heddun kan akka Iskindir Naggaafi Wubishet Taayyee, namoonni hiriira nagaa irratti hirmaataniifi miseensonni paartilee mormituu maqaa labsii farra shorrorkeessumman hidhamanii jiru. Gaazexeessan Geetacho Shifarra himata mootummaa maqaa balleessu jedhuun yakkamee ji’a Sadaasa keessa hidhaan waggaa tokkoo itti murtaayee jira. Barreessan Zalaalam Wargaagenyahu jedhamus guyyota 700 erga hidhamee booda Caamsa 10 labsii farra shorrorkeessaatiin yakkamee hidhaan waggaa 5fi ji’a 2 itti murtayeera. Gaazexeessa Yusuuf Geetachoos Hagayya bara 2015 erga labsi farra shorrorkeessaan yakkamee waggaa 4 hidhamee booda Fulbaana 10 dhiifamaan mana hidhaatii gadhiifameera.

Mootummaan Itoophiyaa marsariitota dhimmoota ijoo irratti seenessa mootumichaa gaaffii keessa galchaniifi miidiyaalee hawaasa dhaabbataadhaan uggura jira. Kessattuu yeroo wantootni miira namaa tuqan kan akka fixinsa/walirra deddeeminsa Irreechaa dabalatee mootummaan Itoophiyaa intarneetii guutumaa guutuutti cufee ture.

Ji’oota Hagayyaafi Fulbaana keessa mootummichi dhabbatoota radiyoo adunyaa kan akka sagalee raadiyoo Ameerikaafi Docheveeleefa ugguree ture.  Yeroo mormiin ademsifama turetti uummuta kakaasuufi odeeffannoo facaasuu keessatti miidiyaale hawaasaafi dhaabbileen televiziyoona diyaaspoora gahee murteessa taphataniiru. Yeroo labsii muddamaa kanatti uummanni televisiyoonota diyaaspooraa ilaaluunis ta’ee odeeffannoo miidiyaalee hawaasa irraati dhoobuun dhorkameera. Labsiin kun dhaabileen mormituus miidiyaa wajjin akka wal hinqunnamne dhorkeera.

Labsiin dhaabbilee siviiki bara 2009 baye dandeettiifi hojii dhabbilee miti mootumma akkuma laamshessetti jira. Labsichi dhaabbileen siivikii galii isaani 10% ol biyya alaati argatan dhimmota akka mirga namoomaa, bulchiinsaa, nagaa buusuufi mirga dubartootaa, daa’immaniifi qama midhamtootaa irratti akka hin dalagne dhorka.

Imaammata misooma mootummaa qeequun garmalee hamaadha. Aktivistoonni kana godhan himatamaa jiru. Akka fakkeenyaatti dhaddacha Paastar Omoot Agwaa kan bara 2016ti darbe ilaaluun nidanda’ama. Paastar Omot Agwaan yeroo baankin adunyaa badii investimentii baankiin walqabatu tokko qorachuuf garee qorattuu baankii adunyaa gara Itoophiyaatti erge ture garee kanaaf afaan hiikuufi haala mijeessuun nama hojjataa tureedha. Himatni namoota lama Omot wajjin himatamanii Sadaasa darbe addaan citeera. Himatni namoota kana sadan irratti kan baname Fulbaana 7, bara 2015 ta’us kan qabamanii hidhaman garuu buufata xayyaara Booleeti Bitootessa bara 2015 yeroo sagantaan dhimma midhaan nyaatan of-danda’uu Naayiroobi Keniyaatti qophaaye irratti hirmaachuuf imalarra jiran ture.

Hidhaa seeran alaafi dararaa mana hidhaa

Humnootni tikaa mootumma, poolisoonni federaalaa, humnoota waraana, poolisiin addaa akkasumas angawoota tikaa kan siviilii uffatan dabalate hidhamtootni siyaasa akka ofirratti raga bayaniif mana hidhaa dhoksaafi ifaatti beekamutti reebichaafi dararaa heddu rawwataniiru. Namoonni mormii dhiyeenya kanarra qabamani hidhamani turan hedduun isaani mana hidhaattiifi kaampii waraanaatti reebichiifi dararaan akka irra gahee ture himatu. Dubartoonni heddus dhiibbaan saalaafi gudeedamuun akka irra gaye dubbatu. Humnoota tikaa dhiittaa kana fakkaatu raawwatan irratti qorannoofi adambni akka fudhatame wanti ibsu hin jiru.

Himatni pirojaktoonni misooma mootummaa qotee bultoota humnaan lafarra buqqisu jedhu dabalaa dhufe. Babaldhinni magaala Finffinneefi qonni sukkaara mootummaa naanno sulula Oomoo kan uummanni durii 200,000 ta’u keessa jiraatan balaa qotee bultoota humnaan buqqisaa jira jedhama. Hawaasni sulula Oomoo keessa jiraatan lafti margaa isaani jalaa mancayeera, laga Oomoos akka fedhanitti akka hin fayyadamne dhorkamaniiru. Hidhaan Gilgal gibe 3ffaan laga Oomoo duubatti argamu guutuun ji’a Amajjii keessa calqabamee jira, Kanaaf bara 2015 lolaan namtolchee tokkollee hin turre. Angawonni mootummaa bara 2016ti lolaan nigadhiifama jedhanus faallaa waadaa isaani lolaa baayyee xiqqootu ture. Lolaan laga Oomoo kun haroo Turkaanaa guutufi lafa qotiisaa lagicharra jiraniif barbaachisaadha.

Qaamota adunyaa shoora murteessa taphatan

Itoophiyaan arjoota biyya alaafi mootummoota naanooshee irraa gargaarsa guddaa argachaa jirti. Sababni isaas teessoo gamtaa Afrikaa waan taateef, gayee cimaa isheen naanno gaanfa Afrikatti taphattuuf, shoora isheen qama nagaa eegdu mootummoota gamtoomanii keessaatti taphattuuf, dhimmota farra shororkeessummaa, gargaarsaafi baqattoota irratti mootummoota dhiyaa wajjin waan hojjattuuf akkasumas guddina missomaa agarsiisa jirti jedhamuufi. Itoophiyaan baqattoota hedduuf iddoo ka’umsa, ce’umsaafi keessummeessituudhas.

Tarkaanfiin Itoophiyaan mormii dhiyeenya kana ta’an gara jabeenyaan ukkamsuuf fudhattefi labsiin muddamee labsite deeggartootashee yeroo dheera dabalate qaamota heddurra qeeqa ifaafi cimaa hin baratamne hordofsiseera. Gamtaan Afrikaafi Komishiniin mirga ummataafi namoomaa Afrikaa ibsa tarkaanfiin Itoophiyaa nuyaadessera jedhu baasaniiru. Paarlaamaan Awurooppa seeraafi ijannoo cimaa tokko gadhiiseera. Seeneetifi manni maree bakka bu’oota Ameerikaas ibsa cimaa tokko beeksiseera. Komishiniin mirga namooma mootummoota gamtoomani ajjechaa ji’a Adoolessa humnootni tika mootumma fudhatan irratti qorannoon qaama adunyaafi of-danda’ee akka barbaachisu ifatti jala muree gaafateera. Arjoonii biroon akka baankii adunyaa akkuma waan humtu hin taaneetti ibsa ifaafi yaaddoo tokko otoo hin baasiin hojii isaani baratame itti fufanii jiru.

Ji’a Waxabajjii keessa Itoophiyaan qaama naga eegsistu mootummoota gamtoomani taate filatamtee jirti. Garee mirga namooma addaa mootummoota gamtoomanii wajjin hojjachuuf fedhii akka hin qabne seenasheerra osoo beekamuu mana maree mirga namooma mootummoota gamtoomaniitis itti aana pirezedantii taatee jirti. Gayee kana hunda otoo achi keessa qabduullee Itoophiyan gareen mirga namooma addaa mootummoota gamtoomanii akka biyyashe hinseenne dhorkiteerti. Gareen mirga namoomaa addaa mootummoota gamtoomani Itoophiya kan seenan yeroo dhumaaf bara 2006, yeroo gareen dhimma Eertira qoratu dhaqe qofa ture.

Odeeffannoo dabalataaf  Gabaasa Human Rights Watch bara 2017 dubbisuu dandeessa.

Advertisements

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: