Oromoo Waan Ta’aniif Qofa Hidhamu, Ajjefamuu fi Dararamuu Yoom Dhaabbata?

Being Oromoo Being Oromoooo

Dararri mootummaa abba irree Adda Dimokiraatawaa Warraqasa Ummatoota Itoophiyaa (ADWUI)tiin uummata Oromoorraa ga’aa jiru itti fufeera. Dargaggoonni Oromoo sababa tokko malee waan Oromoo ta’aaniif qofa mana hiidhaatti ni guuramu, ni ajjeefamu, ni reebamu akkasumas ni dararamu. Mootumman ADWUI Oromoota Adda Bilisumma Oromoo (ABO) deeggartu jechuudhaan Oromoota kuma hedduutti lakkaa’aman mana hidhaatti naqeera. Hidhamtoonni, mana hidhaa Qaalitti, Qilinxoo fi Zuwaay , baayi’anaan jiran Oromoota ta’uurraa kan ka’e, namoonni afaan hojii mana hidhaa Afaan Oromoo ta’eera jedhu.

Mootummaan ADWUI, uummata Oromoo waan sodaatuuf, sochii uummanni Oromoo mirgasaaf taasisu hundaa hojii shororkeessaati jedha. Oromoon tokko afaan isaa yoo dubbate, afaan isaan yoo barreesse, adaasaan yoo boone, dhimma hawwaasummaf yoo gurmaa’e, hojii daldalaa yoo waliin hojjete shororkeessaadha jedhame hidhama yookiin ni ajjeefama. Gochaaleen sabni biroon yoo raawwatan akka sirriitti ilaalaman yeroo Oromoon raawwatu akka hojii shororkeesssummatti ilaalama.

Mootumman saba xiqqaan durfamu kun Oromoota hunda, jechuun barataa, qotee bulaa, hojjetaa mootummaa, daldalaa, barsiisaa, guddaa, xiqqaa, dhiira, dubartii, jaarsa fi jaartii osoo hin jedhani qabe ni hidha, ni darara, ni ajjeesa, hojiirraa arihata akksumas akka biyya baqatan godha.

Mana hiidhaa keessatti Oromootarra, darara kana hinjedhamnetu ga’a. Dararri kunneen, qiinsa buqqisuu, qaama saalaa dhiiraa irratti qaruuraa bishaaniin guutame hidhu, harkaa fi miila hidhanii uuleetiin reebuu, garaadhaan gad galagalchanii muka irratti hidhuuu, fannisanii reebuu dabalata. Kana malees, bishaanii fi midhaan owwachuu, kanneen dhukubsatan akka isaan yaala hin arganne gochuu, mana dhiphoo, dukkanaa’a ta’e keessatti qophaa hidhuu fi kkf dha. Ijoolleen Oromoo hedduun mana hiidhaa keessatti darara isaanirra ga’uun du’anii reefi isannii maatii isanniif ergamu , manni haalakaa’u.

Darara uummata Oromoo irra gaa’a jiru kana dhaabbilleen idila addunyaa kan akka Amnesty International, Human Rights Watch fi African Human Rights League yeroo adda addaatti qorannoo hojjetanii rakkinaa fi miidhaa uummata Oromoorra ga’aa jiru kana gabaasaa turaniiru. Wagga darbe, jechuun October2014, Amnesty International, darara ADWUI ummata Oromoorra gaa’aa jiru kana erga qoratee booda gabaasa BECAUSE I AM OROMOO jedhu maxxansee ture. Gabaasa kana keessatti darara uummaata Oromoorra ga’a jiruu namoota yeroo adda addaatti hidhamanii fi dararama turan gaafachuun qoranno gadi fageenyaan dhiyeeseera. Namni gabaasa kana dubbise, jibba mootummaan ADWUI warra Tigreetiin hogganamu Oromoof qabu hubachuun nama hindhibu. Jibbi kunis kan dhufe fedhii isaan qabeenya Oromoo samuuf qabanirraatii yeroo ta’u uummanni Oromoo immoo qabeenya keenya saamuu hinqabdani jedhee waan isaan mormuufidha.

Uummanni Oromoo, cunqurasaa fi hacuuccaa irraa ga’aa jiru kana hambisuuf yeroo kamiyyuu caalaa kuttannoodhaan qabsaa’uun irraa eegama. Tokko taanee qabsoofnee mootumma kana ofirra kaafne malee yoomiyyuu nagaa argachuu hindandeenyu akkasumas qabeenya keenya irratti ajajuu hindandeenyu. Gabrummaan waggaa dhibbaaf nurra turte ammas akka itti hinfufne yeroo nuy tokko taane ka’u qabnu amma dha yaa Oromookoo.