Finfinneen dachee Oromooti. Handhuura Oromiyaa fi giddu galeessa Oromoo Maccaa fi Tuulamaati. Qe’ee Tufaa Munaa, Qajeelaa Dooyyoo, Abeebee Tufaa, Guddataa Araddoo, Jamoo Dabalee, Soraa Lomee, Galatee Asheetee, Axaalee Jaatanii fi Shubbuu Ejersaafaati.
Finfiinneen yeroo teessoo Mootii Minilik taatee tajaajiluu eegalte irraa kaasee hanga har’aattii qonnaan bultoota Oromoo nyaachaa, buqqisaa, aadaa, duudhaa fi eenyuummaa Oromummaa dhabamsiisaa sadarkaa amma irra jirtu irra akka geesse beekamaadha. Kuufaatii Dargii boodas chaartarii yeroo cehumsaa bara 1983-1987 (ALI) tumameen magaalaan Finfinnee akka naannoo of dandeesse tokkootti ክል 14 jedhamtee akka of bulchitu labsamee ture. Waggoota afuriif magaalaan Finfinnee naannoo taatee bulaa turte. Finfinneen yeroo akka naannoo of dandeesseetti bulaa turte labsii daangaa jettee bara 1986 seera baafatte. Labsii baafatte kanaanis daangaan ishee hanga Magaalota Buraayyuu, Laga Xaafoo Laga Daadhii, Sabbataa, Galaan fi kkf walakkaa isaaniitti akka bal’atu ummata Oromoo fi Mootummaa Naannoo Oromiyaa waliin osoo hinmariyatin seera baafatte.
Bara 1987 heerri mootummaa FDRI tumame. Heerri mootummaa biyya keenyaa kun waa’ee magaalaa Finfinne dhimmootni gurguddoo sadii akka jijjiiraman ifatti tume. Inni tokkoffaan Finfinneen mirga naannoo ta’uu dhabdee sadarkaa bulchiinsa magaalaatti akka ijaaramtu tume. Dhimmi lammaffaan Walitti dhufeenyi Oromoo fi Finfinnee jaarraa tokkoo oliif addaan cite ture deebisee walitti hidhe. Yeroo cehumsaa Oromiyaa fi Finfinneen akka naannoo fi naannootti walitti dhufeenya qabaachaa turani. Heerri mootummaa kun tumamuu booda Finfinneen akka qaama Oromiyaa taatee fi Oromiyaanis mirga addaa Finefinneerra akka qabdu ifatti kaa’e. Dhimmi sadaffaan Finfinneen teessoo mootummaa federaalaa waan taatteef akkasumas mirga ofiin of bulchuu sabaa fi sablammoota magaalatti keessa jiraatan eeguuf jecha akka naannoolee mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu osoo hintaane mirga ofiin of bulchuu qofa akka qabaattu ifatti tume. Heerri Mootummaa FDRI walitti dhufeenya Oromoo fi Finfinnee gidduutti yeroo dheeraadhaaf addaan cite ture jijjiire. Finfinneen erga uuumatee kaaftee kan Oromoo waliin addan cittee turte akka qaama Oromoo taatu murteesse. Finfinneen kan Oromoo ta’uu mirkaneesse!
Heerri Mootummaa FDRI bara 1987 bahe Finfinneen Mirga ofiin of bulchuu malee mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu akka hinqabne, Dhimmi bulchiinsa magaalaa Finfinnee labsiidhaan akka bahu ibsuudhaan seerota duraan turan (labsii daangaa magaalattiin bara1986 baafatte dabalatee) diigee jira. Kanaafuu dhimmi daangaa bulchiinsaa magaalaa Finfinnee fi Godina Addaa gidduu jiru kan murtaa’u fedhii ummata Oromoo daangaarra jiraatuu, fedhii Mootuumaa Naannoo Oromiyaa fi Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetiin qofa akka ta’e ifatti beekamuu qaba. Kanaafuu, labsiin daangaa magaalaa Finfinnee fi Godina Addaa Oromiyaa Naannoo FInfinnee kan bara 1986 bahe ummata Oromoo fi MNO kan hin hirmaachisne waan ta’eef safartuu kamiiniyyuu fudhatama hin qabu.
Dhimmi daangaa Finfinnee fi Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee dhimma daangaa bulchiinsaa naannoo tokko keessatti geggeeffamu akka ta’es ifatti beekamuu qaba.Dhimmi daangaa Finfinnee heera mootummaa biyya keenyaa bara 1987 bahe bu’uura godhachuudhaan ummata fedhii fi faayidaa ummata oromoo karaa mirkaneessu qofaan hojiitti hiikamuu qaba. Dhimma daangaa Finfinnee karaa waaraatiin furuuf koreen nama 10 of keessaa qabu ijaarame qorannoo kan dhiheesse yoo ta’u MN Oromiyaa bu’aa qorannoo kanaa guutummaatti fudhatee akka hojiitti hiikamuuf socho’aa jira.
Dhimmi daangaa bulchiinsaa magaalaa Finfinnee waliin walqabatee jiru bu’uura heera mootummaa FDRI fi mirgaa fi faayidaa ummata Oromoo karaa kabachiisuun hiikuun akkuuma jiruttii ta’ee, dhimmi xiyyeeffannoo barbaadu kan biraa dhimma pilaanii magaalatiiti.
Pilaaniin Finfinnee kanaan dura bahaa turee hirmaannaa mootummaa Oromiyaa fi uummata Oromoo of keessaa hin qabu. Pilaanii Finfinnee keessaatti qophaa’aa ture aadaa duudhaa fi eenyumaa oromoo kan calaqqisiisu miti. Abbaa biyyummaa Oromoo kan agarsiisu miti. Erga heerri mootummaa FDRI bahee boodas dogogoroota yeroo adda addaa turan kallattii sirreessuuf kan akeeku miti. Dhalootni Oromoo itti aanu abbaa biyyummaa isaa akka hubatuu fi abbootiin isaa akkamitti akka jiraataa turan, aadaaa duudhaa fi seenaan Oromoo akkamitti entertain ta’a kan jedhu of keessaa hinqabu.
Pilaaniin qophaa’aa ture lafa qabachuuf qofa qophaa’aa ture jechuun ni danda’ama. Waa’ee ummataa Oromoo fi qonnaan bulaa buqqa’uu dantaa tokkollee hinqabu. Qonaann bulaa Oromoo Caffee isaa, Odaa isaa diigaa deemaa ture. Xurii summaa’aan magaalaa Finfinnee keessa bahee gara maasaa qonnaan bulaa dhaqu utuu miidhaa hinqaqabsiisin akka itti hogganamullee hinkaa’u. Kana waan taa’eef pilaaniin magaalaa Finfinneetti yeroo adda addaa qophaa’aa ture buqqa’uu Oromoorra yeroo mootii Minilk irraa kaasee akka sabaatti gahaa ture kan itti fufsiisaa turedha jechuun nidanda’ama.
Kaayyoon heera mootummaa FDRI bara 1987 tumamee mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu sabootaa mirkaneessuun boqonnaa qe’ee ofiirraa buqqa’anii godaanuu cufuuf ture. Oromoon mirga qe’eesaa keessa jiraachuu akka qabaatu gonfachiisuun, abbaan biyyuummaa Oromoo akka kabajamu labsee ture. Dhimmi hiree ofii ofiin murteeffachuu fi mirga abbaa biyyummaa kun bakka hundatti deebii argatee cufamee Finfinneettii utuu hincufamani hafe.
–
Dhimmi Finfinnee fedhii fi faayidaa Oromoo karaa calaqqisuu qofaan deemu akka qabu herri mootummaa keenya ifatti kaa’ee jira. Rakkoo gama mirga heera mootummaa irratti kaa’ame hojiitti hiikuu dadhabuudhaan walqabatee jiru furuuf qaama biraa kamitiyyuu quba qabuun hindanda’amu. Hundaa ol rakkoon kan hoggansa keenyati. Rakkinichi mirga heerri mootummaa nugonfachiise bilchinaa fi karaa tarsiimawaa ta’een sirnaan oggannee hojiitti hiikuu dadhabuurraa madda. Kanaafuu gama kanaan dhimmota sirreeffachuu qabnu hedduutu jira.
Gama kanaan dhimmi sirraa’uu qabuinni tokkffaan Finfinne akka naannoo of dandeesse tokkootti ilaaluudha. Ilaalchi kun dogoggora waan ta’eef sirraa’uu qaba. Finfinneen qaama Oromiyaati. Mirgi hiree ofii ofiin murteeffachuu Finfinnee daangaa seeraa Oromiyaa keessatti akka ilaalamuu beekuun murteessadha. Dhimmi lammaffaan sirraa’uu qabu akka sabaatti Finfinnee keessa gallee jiraachuu, hojjechuu fi daldaluu soodaachuudha. Ilaalchi Finfinnee keessaa baqachuu, Finfinnee keesatti hoojatanii argachuu sodaachuu jijjiiramuu qaba. Sadaffaa Aadaa fi duudhaa Oromoo dagaagsuuf namni biraa akka nuuf hojjetu barbaadna. Ilaalchi akkasii dogogoradha. Eenyuummmaan Oromoo akka hundee gadi fageeffatu godhuun dirqama hunda keenyaati. Yeroo ammaa kana jiraattota magaalaa Finfinnee keessaa %30 Oromoota akka ta’an ragaaleen ni mul’isu. Ta’us maagaalicha keessatti dhimma sabboonummaa Oromoo irratti waan hinhojjetamneef magaalatii keessa Oromon waan keessa jiraatuyyuu hinfakkaatu. Magaalattii keessatti sabboonummaan Oromoo sadarkaa dhabamuu irra gahee jira. Oromoon gahee abbaa biyyummaasaa akka mirkaneessu sabboonummaa dagaagsuun murteessdha.
–
Dhimmi sadaffaan caasaan Dh.D.U.O sadarkaa magaalaa irraa kaasee hanga gadiitti hoggansa magaalaa Finfinnee keessa jiru miira abbaa biyyummaa cimaadhaan Oromummaa Finfinnee keessatti cabe iddootti deebisuuf sadarkaa barbaadamutti qabsaa’uu dadhabuu dha. .Hoggansi sadarkaadhaan jiru kuni miira abbaa biyyumaatiin hoggansa tarsiimawaa fi gahumsa qabu kennuudhaan fayyadamummaa ummata keenyaa mirkaneesuun walqabatee hanqinootni mul’atan gara fuula duraatto sirraa’uu qabu.
Dhimmi afraffaan caasaa Godina Addaa waliin kan walqabatudha. Godinni Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfiinee walitti hidhamiinsa diinagdee fi hawaasummaa ummatni Oromoo magaalaa Finfinnee waliin qabdu cimsuuf Oromummaa Finfinnee keessatti cabee ture bakkatti deebisuuf sochii godhamu akka tumsu yaadameeti hundaa’e. Ta’us rakkoo gahumsa hoggansaa fi rakkina walxaxaa kiraa sassaabdummaa lafaa irraa kan ka’e GAONF ergama walitti hidhamiinsa Oromoo fi magaalaa Finfinnee cimsuuf isaaf kennamee sadarkaa barbaadametti raawwachauu hindandeenye. Turtii hanga ammaatti GAONF fi Finfinnee gidduu daangaa bulchiinsaa kaawwachuu dadhabuun, ijaarsa addaa adda bulchiinsa magaalaa Finfinnettin daangaa GAONF keessatti raawwatamu callisanii ilaaluun, hanqinoota gama kanaan jiranis ifatti baasanii dubbachuu dadhabuun gara fuula duraatti dhimmoota sirraa’uu qabanidha.